Lola gaafa Kilbee, (The Battle of Kilbee) --------"Ambotti naโ€ฆ โ€” ๐…๐ข๐ง๐Ÿ๐ข๐ง๐ง๐ž๐ž ๐๐ซ๐ž๐ฌ๐ฌ โ€” TG.ME

๐…๐ข๐ง๐Ÿ๐ข๐ง๐ง๐ž๐ž ๐๐ซ๐ž๐ฌ๐ฌPhoto
Lola gaafa Kilbee, (The Battle of Kilbee)
--------"Ambotti na awwaalaa" Ilfuu.
Seenaa qabsoo waraanaa ABO keessatti seenaan waraana dirree Kilbee Adoollessa 19 bara 1984 Shawaa Lixaa Aanaa Jaldu ganda Kilbee iddoo addaa Burre jedhamutti geggeeffame waraana ABO n chaarterii booda geggeesse keessaa waraana isa guddaa ture.

Waraanni kun guyyaa guutuuf geggeeffamaa kan oole yoo ta'u Waraana WBO bara san Jaldu Maandheeffatanii jiran dabalatee gootonni qonnaan bultootaa Aanaa Jalduufi Meettaa Roobii irraa walitti babba'an hirmaataniiru.

Lola kana irratti waraana wayyaanee hedduu irraa ajjeesaanii laga Dullaa nyaachisan, gama Qonnaan bultootaatiin gootichi Tolasaa Haata'uu yoo wareegamu namoonni biroos madaa'aniiru.
Qe'een Ulfoo warra Danfaa Dawoo WBO ti jedhamee yakkamee dhukaasa Moorteriin gubateera.

Guyyaa kanatti tumsa WBO f Artiistota achitti argaman keessaa llfinash Qannoo, zarihuun Wadaajoo, Yoseef Gammachuufi Obboleettii isaa Baqqaluu Gammachuu turan.

Lola dadhabsiisaa guyyaa guutuu lafa gannaan godhamaa oole booda Ilfuufi Zarihuun harka diinaa galuuf dirqamuun Ambotti hidhaman, gaafa mana hidhaa Amboo seentu kutaa Ilfuun itti hidhamte sitti agarsiisu, dubara waliin hin hidhamu jettee dhiira waliin hidhamte jedhan jedhan jedhanii hanga yoonatti walitti himu, Amboon akkasiin Ilfuu jaalata, isheenis lafaa kaatee achitti na hawwaalaa hin jenne, seenaa cululuqaa halluu dhiigaan caafame jara waliin qabdi, erga hidhaadhaa baateeyis "Guyyaa gaafa kilbee shantama taatee dhuftee shan taatee galtee" jettee sirbuun seenaa waraana kilbee yaadatteerti, seenaan gootaa bool'aa oli.

Ilfuu keenya nagaatti ๐Ÿ˜ญ๐Ÿ’”
@Tesfaye Boka Erko
โค8
September 6, 2026 578 1 2