Addi Bilisummaa Oromoo du'aan boqochuu artist fi qabsooftuu angafaa Ilfinash Qannootiin gadda itti dhagahame ibse.
Addichi ibsa baaseen Artist Ilfinash Qannoo abbaa isii Obbo Qannoo Galdaasaa fi haadha isii Aadde Zartihun Qananii Naqamtee irraa bara 1962tti Lixa Oromiyaa, Godina Wallaggaa Bahaa, Ona Guutoo Giddaa ganda Eebbaa bakka addaa Saxxoo jedhamutti dhalatte jedhe.
Ilfinash Qannoo umrii ijoollummaa isheetiin gara ogummaa aartiitti kan seente oggaa tahu, yeroon isaa yeroo ummatni Oromoo fi ummatootni biroos sirna cunqursaa Itoophiyaa irratti kaka’aa turaniin kan wal irra bu’e ture jedhe.
Sababa kanaanis miidhaa fi ari’atamuun ganamumaan gara mootummaa cunqursaa Itoophiyaa irraa kan ishii mudachuu eegale tahu eeree, gama kaaniin ammoo sirboota qabsoo/warraaqsaa ummataaf dhiheessituun ummata biraa jaalalaa fi dhageettii ol’aanaa argachuu akka dandeesse hime.
Agarsiisa aadaa seena qabeessa bara 1976 magaalaa Finfinneetti agarsiifame irratti sirba warraaqsaa dhiheessitee ittiin beekamteen booda, jireenyi ishee qabsoo bilisummaa Oromoottii kan adda hin baane tahuu ibse.
Ergasii hanga gaafa du’aan godaantuutti gara deemtu hundatti waa’ee qabsoo Oromoo, waa’ee tokkummaa Oromoo, waa’ee bilisummaa Oromoo fi Oromiyaa faarsuu fi jajjabeessuun hojii ishee ta’ee itti fufuu ABOn hime.
Sababaa qooda qabsoo kennite kanaanis bara mootummaa Dargii fi Wayyaanee gidiraa jireenya mana hidhaa hedduu gootota qabsaawota akka ishee waliin keessummeessuu ishee dubbate.
Bara mootummaa TPLF/EPRDF hidhamuutti dabalee, rifeensa mataa gogaa qaruuraan haadamuu fi miidhaa ishee mudateen qorqalbiin guddoo hiraarte jedhe.
Hidhaa wayyaanee irraa akka hiikamteen gargaarsa sab-boontota Oromootiin dhoksaadhaan gara biyya ollaa, Keeniyaatti baafamtee achi irraas koolu-galtummaatiin gara biyya sadaffaa Norway godaante jedhe.
Artist Ilfinash Qannoo jireenya ishee keessatti kaasetoota 10 ol maxxansuun qabsoo bilisummaa Oromoof gumaachiteetti kan jedhe ABOn, Bakka Dhaabni ishee ABOn erge hundatti dirqama fudhattee bobba’uun gahee qabsoos bahataa turte jedhe.
Yeroo ABOn biyya Ertiraa maadheffatee qabsoo gaggeessaa turettis Ilfinash Qannoo biyya baqaan jiraattu Norway irraa Ertiraatti deddeebi'uudhaan oguma isheetiin WBO onnachiisaa fi jajjabeessaa turte. Qabsaawota biratti argamuudhaan waliin akka jirtu dalagaan mul’ifteetti jedhe.
Weellistuu fi Qabsooftuun Oromoo Ilfinash Qannoo kaayyoo hiriirteefiif irraa akkasumas hawwii fi ejjennoo bilisummaa Oromoo irratti qabdu kan takkaa irraa hin daddaaqamneen onnee fi hamileen ishee akka sibiilaatti jabaa haa tahu malee, reebichaa fi miidhaa adda addaa mana hidhaa Itoophiyaa keessatti ishee mudateen fayyaa isii irratti rakkoo uumameen rakkachaa fi waldhaansoo ittiin qabaa jiraachuu ibse.
Dhalattee ganna 64tti addunyaa kana irraa darbuu Artist Ilfinash Qannoo eeeee, haadha ijoollee dubaraa lama (Hawwii fi Daangaa) ti jedhe.
Addi Bilisummaa Oromoo ABOn, du'aan of biraa dhabuu gootittii sab-boontuu, Weellistuu fi qabsooftuu Ilfinash Qannootiin gadda itti dhagahame ibsuun, maatii fi firoota ishee, qabsaawotaa fi ummata Oromoo hundaaf jajjabina hawwee jira.
1
1September 7, 2026 571