Giiftiiko! Gaaffiiwwan Jaalalaa gara jireenyakee dhufan dursa fuula… — Durseenaa — TG.ME

Giiftiiko! Gaaffiiwwan Jaalalaa gara jireenyakee dhufan dursa fuula Waaqayyoo dura kaa'i! Hin eeruminillee hafi malee, jireenya itti hin amanne sekendiif hin jiraatin. Maal? Lubbuttii Miskiinakee tokkittii sana garaan sin jibbuu? Ishee miira dhugaa, kunuunfamuu, eegamuu barbaaddu, ishee barabaraaf boba yoo keessa ciiste hin birranne, mamii malee, sodaa malee itti of gattee jiraachuu barbaaddu sana kennuufii dadhabduyyuu, isa sobaa irraa ishee baraaruu ni dandeessa bar. Eeyyee ni dandeessa beeki! Sodaa jireenyaa, sodaa maatii fi hiriyyaa Gaa'ela wabii namaaf hin taanetti matumaa hin baqatamu. Inni kan biraan, Nama tarii takkaa disrespect gootes deebistee filannoo jireenyakee hin godhatin. Dhiirri kabaja jaallata. Even yoo hin jaallanneyyuu, kabaja inni Lubbuu tokkorraa argatu, dandeettii Jaalala keessasaatti uumuu qaba. Kabajni dhiiraafa haga kana. Tarii dogoggortee darbaa itti dabartee xiqqeessitee, gadi isa buusteetta taanaan, tasumaa filannoo hin godhatin. Yookin hariiroo of eeggannoodhaan guute isa waliin geggeessi. Maatii nama yaadaan qabdee seeraan beeki. Haadha, Abbaa, Obbolaasaa hawaasanni keessatti guddate dursii bari. Namni Abbaasaaf kabaja hin qabne, matumaayyuu ijoollee keef Abbaa gaarii ta'uu hin danda'u. Kan Haadhasaa hin kabajnes, Haadha gaarii ijoollee keef akkati taatu sin godhu, sin gargaarus. Dhamdhamnii fi hiiki jireenyaa inni sirriinimmoo achii jalqaba. Nama meeqatu wal fuudhee ka'ee fedhaanillee mitiitii wal dirqisiisee "Ulfa kana baasi! / Ulfa kana hin baadhu nan baasa! Ykn ofin aj**jeesa!" Waliin jechaa oola seeta? Maqaansaammoo Gaa'ela. Kanaafan akkaataa guddinasaa siin jedha. Silaa maatii Ulaagaa maatii guutuu keessaa dhufeetii, isa alatti dogoggoraan uumamuyyuu, utuuti nan baasa jettee si lola. Haalota mijeesse akka waliin jiraattu godha. Harree fi Bineensa namummaa hin qabne taanaan ammoo, Gaa'ela Waldaa duratti eebbifamee, kumaatamni beekuun, si fuudhee Siree kabajaa sanarratti ulfooftee kaatee, ija dhiibee "Tasadha! Karoora koo keessa hin jiru!" Haa bahu siin jedha. Ogummaan si golgiti. Malee Gaa'eela bachuun fala miti. Fedhii inni jireenyaaf, hojiif qabu ilaali. Uffatanii bareedanii miidhaganii, dhaabbii bareedaatiin si hawaachuusaa qofaa miti. Sanaanoo namni argatee hunduu uffatee ajab nama jechisiisa. Eenyuyyuu uffatee jennaan ni bareeda bar. Bara kana inumaayyuu nama baay'ee uffataa fi qarshiitu nama isaan fakkeesse. Jireenyi sanarra ni caala. Hagam jireenya keessatti kufee ka'uuf qophiidha? Isa dursii gadi qotii bari. Gaa'ela hin jibbin; hin sodaatin. Dhugaadhumattimmoo Gaa'elli simboo dhala namaati. Keessattuu ilmoo durbaatiif ammoo kabajasheeti. Bareedinasheeti. Haadha ta'uun iddoo isa ol'aanuuf kaadhimamuudha. Waaqayyoon kadhadhu! Gola Jireenyakee hundaatti isa ol galchi. Waanti ati isa malee murteessitu hin jiraatin. Jireenyikee bareedaa ta'a. Akka namaatti muraasa waantota ani asii olitti tuttuqe atimmoo babal'isii yaadi. Isa kaanimmoo Waaqa keetti kenni. Malee Gaa'elli isa nuti miidiyaarraa agarruu fi Social media irraa agarru miti. Inni maaltu beeka? Tarii social media Content'iis ta'uu danda'a. Malee heerumanii ni du'u miti; haadha ta'u malee! Isa Waaqayyo namaaf kaa'e yoo ta'emmoo silas yoom hafu? 🥰 Akkanni dheerate beeka. Beekaaman dheeresse. Yoo isin nuffisiiseef dhiifama. Tarii warri Confusion kana keessa jiran akka sirriitti dubbifatan keessikoo beeka. Yoo ni barsiisa jettanii amantaniif, share waliif godhaa! Join ⏩. @Durseenaa

May 3, 2026 212