Deemtee hin fagaattu Nattis hin dhiyaattu Yaada waliin hirta Fuullee… — 💞DJ Xalayyaa jaalala. — TG.ME

Deemtee hin fagaattu
Nattis hin dhiyaattu
Yaada waliin hirta
Fuullee kiyya jirta

Yookaan aachi hin siqxu
Yookaan natti hin hiiqxu
Giddu gidduu taate
Garaakoo na nyaatte

Anis akkumakeeti
Murtoo cimaan dhabe
Garaa murachuufis
Inuman dadhabe

Ela...
An daa'ima miti
Kan dalga baatamu
Takka na jibbitee
Takka hin jaalatamu!

Haqasaan dubbadhaa
Atis haqa dubbadhu
Garaakoon muradhaa
Garaakee kutadhu

Waanuma fedheefuu
Murtoon kan abbaati
Garaan murtoo dhabe
Dhukkuba abbaati!

@Esayas
👍13❤2💔2
August 1, 2024 3K 1 12