Onneen osoo dubbaatee
Afaan immoo cal jedhee
Alaan haguugee
Keessaan si ibsuu fedhee
Afaan koo
Afaanin si ibsuu dadhabee
Keessoo hoo akkasumaa?
Gaaf gaafii cal jedhee
Imimmaan koo qofat dhumaa
Dirra dachee kana
Homtu kan si ibsun jiruu
Lubbuun osoo siif bahee
Galata keen jijjiiruu
Eegaa
Jechi si ibsun jiruu
Hundumtisaa hoofaa
Galata kee kan deebsiuu
Rabbii guddatte qofaa
@Esayas
4
3
1August 27, 2024 3.5K 13