Arjoo Dhedheessaatii hanga Tandaahootti:- Cehumsa Misooma Bu'uuraa Guddicha Naannoowwan Jallisii fi Gammoojjii Itoophiyaatti
**********
Itoophiyaan damee jallisii fi naannoo gammoojjiitiin waggoota lamaan darban keessa misooma bu'uuraa gurguddaa hojjechuudhaan jijjiirama caasaa qonnaa galmeessiteetti.
Keessattuu pirojeektota akka Tandaahoo, Kasam, Gidaaboo, Walmal, Goodee, Qeexoo, Caclcalii fi Ribi gara gadii xumuruudhaan hojii eegalchiisuun omisha nyaataa guddaa gabaaf dhiheessuun danda'ameera.
Pirojektoonni jallisii hojiin ijaarsaa isaanii xumuramaa jiru kanneen akka Arjoo Dhedheessaa fi Magac dhihootti ni eebbifamu.
Pirojektoonni gurguddoon kunneen hundi guutummatti gara hojiitti yeroo galan, dandeettiin lafa misoomsuu isaanii heektaara kuma 200 fi kuma 24f 805 gahuu danda’a.
Kunis marsaa omisha tokkoon abbootii fi haadholii warraa kuma 400 fi kuma 50 yookaan lammiilee miiliyoona 2 ol fayyadamaa jallisii fi abbaa dinagdee taasisa.
Tattaaffiin Ministeerri Jallisii fi Naannoo Gammoojjii taasisaa jiru kun birmadummaa nyaataa biyya keenyaa mirkaneessuuf shoora guddaa taphataa jira.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌
4September 6, 2026 619