Artiist Ilfinash Aartii Oromoo ceesisuufi Oromummaa jabeessuuf uummata Oromoo bara isaanii guutuu tajaajilan - BKO
Finfinnee, Qaammee 1, 2018 (FMC) –Biiroon Kominikeeshinii Oromiyaa du’aan boqochuu Artiisti Ilfinash Qannoo ilaalchisee ibsa gaddaa baaseera.
Artiist Ilfinash Aartii Oromoo ceesisuufi Oromummaa jabeessuuf uummata Oromoo bara jireenya isaanii guutuu tajaajilan turan jedhe.
Guutuun ibsichaa haala argamaan gadiin dhiyaatera.
Artist Ilfinesh Qannoo Bara Dukkanaatti Qabsoo Oromoo Artiin Humneessite Du'aan Dhabuun Gadda Guddaadha
Artiin jiruuf jireenya Uummataa kan dammaksu, jijjiiramaaf kan hiriirsu, gaddaafi gammachuu kan mul'isu utubaa guddicha eenyummaa Uummataa ijaarudha. Artist Ilfinesh Qannoos umurii ijoollummaatiin Galaanaa Artii Oromootti kan makamteefi hanga du'aan Addunyaa kanarraa of biraa dhabnuutti uummata Oromoof akka dungoo ifaa bara jireenya isaanii guutuu Uummata tajaajilaniiru.
Artist Ilfinesh Qannoo ilaalcha caastolcheen gadaantummaafi barmaatilee boodatti hafaa dubartoota irra ture cabsuun nama jabduu hojii Artiin ashaara dhalootaaf jiraatu keesse du'aan dhabuun gadda guddaadha.
Bara dukkanaa Afaan Oromootiin wellisuu mitii, dubbachuunuu akka yakkaatti ilaalamu irraa eegalee hojii Artiitiin uummata Oromoo ijaaruu, tokkummaaf hiriirsuufi duudhaa, Aadaaf Afaan Oromoo guddisuu keessatti gumaacha guddaa kan taasiste dubartii jabduu Oromoon qabudha.
Artist Ilfinesh Artii Oromoo ceesisuufi Oromummaa jabeessuu keessatti sagalee kilolee qabanitti fayyadamuun dandeettiis cimsachaa uummata Oromoo bara isaanii guutuu tajaajilaniiru.
Gaafa Artist Ilfinash Qannoo dhukkubsachuu eegalte irraa eegalee mootummaan Naannoo Oromiyaa baasiiwwan gara garaa danda'uu yaalchisaa turus, guyyaa rabbi isaaniif qabe waan ta'eef Artist Ilfinesh boqotaniiru.
Artistii jabduu kana du'aan wayita of biraa dhabnu kan gaddinu ta'us, hojiiwwan Artii seenaafi Oogbarruu Oromoo guddisuu keessatti Aetist Ilfinesh ba'achaa turaniin Oromoon hundi kan jajjabaatudha.
Dhalootni haaraan kun guca qabsoo Artist Ilfineshfi waayilootni isaanii qabsiisaniin injifannoo aarsaa qaaliin galmaa'e tiksuun sadarkaa olaanaatti ceesisuuf kutannoon hojjechuutu irraa eegama.
Mootummaan Naannoo Oromiyaa imaanaa Artist Ilfinesh Qannoofii qabsaa'ota biyyaafi saba ofii ijaaruuf aarsaa kaffalan kudhaammatee injifannoo caaluuf hojjechaa jira.
Qabsooftuu mirga dhala namaa Artist Ilfinesh Qannoo du'aan of biraa dhabuutti gaddi guddaan kan nutti dhaga'ame ta'uu ibsaa Uummata Oromoo maraafi maatii hundaaf jajjabina hawwina.
Biiroo Kominikeeshinii Oromiyaa
Qaammee 1/2018
Finfinnee
#Oromia #Ethiopia
3
1September 6, 2026 911