Atinaaf... ... Iddootti qalbiin koo Boqonnaa argattu Teessuma lubbuun… — Walaloo jaalalaa — TG.ME

Atinaaf...
...
Iddootti qalbiin koo
Boqonnaa argattu
Teessuma lubbuun koo
Aara itti galfattu
~
soora qalbii kootii....
~
burqituu nageenyaa
Dheebuu kan na baastu
Jabaa onnee kootii
Jaalalaan kan raastu
~
bakkee magariisaa
halluu diimaan make
Yaadaan na geejjibnaan
Si barbaachan dhaqe
~
guyyaaman si arge
Lubbuun koo lalise
Daandii jaalalaa irra
Fedhaan balaliise
~
silaas maalan jedha
Jedhus maalan godha
Hangan lubbuun jiru
Baay'een si jaalladha
.
👉1w1L1(10w2L1)2)2w2L7(1w1L6)2)1w2L5 👈
By abdi
❤6👍1
April 29, 2025 947 9 3