guyyaa keessaa guyyaani..... gaafa firri kee hundi ilkaan sitti… — Walaloo jaalalaa — TG.ME

guyyaa keessaa guyyaani.....

gaafa firri kee hundi
ilkaan sitti qaratu
gaafa roobni midhamaa
mataa keetti haratu
@
gaafa namni haammatte
maddii kee si ciniinu
jira gaafa hiriyaan kee
kolfuu keetti finiinu
@
jiaam gaafa haadhoon kee
gadduu keetti gammadee
gammaduu keetti gaddu
jira gaafa utuun ifin
aduun kee guyyaan baddu
@
guyyaa keessaa guyyaani
jirti guyyaan yartuunii
utuuma garaa laaftuu
sitti yaati hamtuunii
@
tarii bor gaarii baatee
bari'a jettee yaadda
namaa wajjin kolfitee
dhibee galtee aadda
@
madaa kee quba kaa'ee
ilaalaa of dhiiksita
mana galtee qofaa kee
madaa kee kunuunsitaa
@
utuuma sitti ulfaatuu
kokkolfaa wajjin teessa
rakkina kee qofaa kee
ciniinfatteema deessa
@
gaafa sanakaa guyyaan
guyyaa keessaa yarattuu
ofiikee keessa teessee
ofiikee kan baqattuu
@
qofaakee teessee boo'aa
ofiin of jabeessitaa
hir'ina kee dagachuuf
abdiin of jabeessitaa
@
si yaa namaa yaa lafaa
utuu garaa koo laaltee
situ kaasee na baataa
waa'ee koo wal'aaluun kee
bulee garaa si nyaataa
ABDI
❤3
July 8, 2025 780 1 1