Ittiin hin abboomamin bor sirraa baduuf malaa akka keessummaa fagoo… — Walaloo jaalalaa — TG.ME

Ittiin hin abboomamin
bor sirraa baduuf malaa
akka keessummaa fagoo
biftis si dhiisee galaa
~
akka fixeensa barii
turee sirraa harca'a
biftikee lalisaan sun
guyyaa tokkon manca'a
~
atis ittiin hin quufin...
bifa kee qofa mitii
ofii keeyyuun dhabamtaa
boca kee ittiin of jajjus
wajjiniin awwaalamta
~
garuu.....
gadhees gaariis hojjadhu
amallii kee yoomiyyuu
biyyoodhaa ol jiraataa
yeroo ati biyyoo nyaattus
taa'ee si durii nyaataa
ABDI
❤2
June 10, 2025 846 1 1