Jireenya ammatu ta'ee
Daawitii garagalaa
Ilkaaniin ittii seeqeen
boowaa keessatti of laala
~
rifeensa koo bareechuuf
Isan harkaan qaqqabe
Daawwitiin jireenyaa koo
Miilla miiccuu jalqabee
~
tarii faallaa naaf ta'aa
Jedheemmoo gaafan boo'u
Kolfa jedhee barreessuun
Jalqabe dubbii foo'uu
~
Qarshii koo lakkaawachaa
Yogguun laalu keessatti
Innimoo baasiin qabuu
Naaf fida tartiibatti
~
kana rakkadheen jedhee
.
Jireenya ammaatu ta'e
Daawitii garagalaa
Ilkaaniin itti seeqeen
Boo'icha koo ilaala
5
2
2November 27, 2024 1.6K 8