#Shaakallii_Qormaata_Seensaa MBBA fi MBA
--------
BBO - Hagayya 22/2018 Barattoota Manneen Barnootaa Bultii Addaa Sad. 2ffaafi Manneen Barnootaa Addaa Sad. 2ffaa Bara 2019 Kutaa 9ffaa Galuuf Qormaata Seensaa Hagayya 26/2018 '#Online'n Kennamu Fudhachuuf Qophiirra Jirtan Hundi, #Qormaatni_Shaakalaa Liinkii Asii Gadii Irratti Waan Gad-dhiifameef Liinkicha Bantanii Akka Shaakaltan Isin Beeksifna.
Waajjirri Barnootaa Godinaa, Bul/Magaalaa, Aanaalee, Manneen Barnootaafi Ogeessottni ICT sadarkaan jiran, ogeessotni giddu gala qormaataa (#CBT - Centers) maatiin, barsiisotni akkuma kanaan duraa barattootaa qormaaticha shaakalaa gad-dhiifame akka shaakan deeggarsa barbaachisaa ta'e akka taasiftaniif dhaamsa dabarsaa qormaata shaakalaa kana kompitaraan, taableetiin, bilbila ismaartiin(smart phone) irrattis shaakaluun ni dandeessu.
Liinkichi kan banamu :-
#Bakka "User Name" jedurratti Lakkoofsa Galmee/(#Registration_Number) keessan galchaa;
#Bakka "Password" - Lakkoofsota - 123456 galchaa!
Lakk. 123456 barataa hundaaf #Password ta'ee tajaajila.
Liinkii :- URL https://exam.oeb.gov.et/