Mee barri dhaloota keetii 1900 akka ta'etti aal tokko sitti haa mul'atu.
Umuriin kee wayita ganna 14 guuttu, Addunyaan gara Waraana Addunyaa Tokkoffaatti gadi lixxe. Hanga ati ganna 18 guuttuttis, namoonni miliyoona 20 ol lubbuun isaanii darbe. Mudannoo kanaan booda, akkuma waraanni sun goolabameen, dhibeen... golfaan weerara addunyaa hunda ta'uudhaan hammaate. Umurii kee yeroo ganna 20 keetti, golfaa dhibee "Spanish Flu" jedhamuun beekamuu fi addunyaa maratti lubbuu namoota miliyoona 50 galaafate jalaa baraaramte.
Waggoota muraasa booda, odoo jireenya kee ijaarrachuuf tattaafachaa jirtuu, Kufiinsi Diinagdee Isa Guddichaa (The Great Depression) dhufe. Yeroo kana ati ganna 29 turte. Baankonni dhabamsiifaman; hojiin dhabame; maatiwwan manneen isaanii dhaban; beelli jireenya namoota miliyoonotaa keessatti waan barame ta'e; abdiin fuulduraas ji'oota muraasa keessatti dhabame.
Ganna 33 keetti, Addolf Hiitlar (Adolf Hitler) Jarmanitti gara aangoo isaatti dhufe. Ganna 39 keetti immoo, Waraanni Addunyaa Lammaffaan jalqabame. Magaalotni gubatan; biyyoonni kutaadhaan; duguugiinsaan sanyii (Holocaust) raawwatame; boombiin atoomaas samii irraa gad roobe. Akkuma waraanni sun xumurameen, ati ganna 45 guutte, namoonni miliyoona 60 ol immoo lubbuun isaanii darbeera.
Itti fufuun waraana Kooriyaatu dhufe. Yeroo sana ganna 52 turte. Sanas booda waraana Veetnaam. Waraanni sun yeroo jalqabu ganna 64, yeroo inni xumuramu immoo ganna 75 turte.
Dhaloonni sun waraana addunyaa lama, weerara dhibee addunyaa hundaa, kufiinsa diinagdee, hanqina nyaataa, siyaasa daangaa dabre, sodaa niwukilaarii fi waggoota sodaa fi dhiphinaa hedduu odoo baay'een isaanii gara dullumaatti hin deemin dabarsan. Ta'us, haala kanaan hundi isaanii maatii ijaaran, hawaasa ijaaran, ganama ganama gara hojii deeman, akkasumas gara fuulduraatti tarkaanfachuu itti fufan.
Dargaggoonni baay'een har'a akaakayyuu fi akkoo deebii bara sanii ilaaluun jireenya dhiphina har'aa akka hin hubanne yaadu. Garúu, isaan dhiphina fi jireenya rakkisaa nu hundaa olitti hubatu ta'a. Isaan "addunyaa irraa kan fagaatan" hin turre. Isaan waan seenaan irra deddeebi'ee itti darbe hunda keessatatti obsuun kan bocamanii dha.
*Keenyawoo...Waanti warri keenya keessa darbanii dhufan osoo Dhugaan isaa illee hacuucamuu baatee nuuf katabamee...waanti nuti taanee as geenye kanarraa nii fagaataa laata?*
You tube 👉www.youtube.com/@seenaaaddunya
Channel 👉 @thistime1993
Facebook 👉 www.facebook.com/profile.php?id=61559861647128












