Dhukkuboota Hoo’aa Dhiiga Dhangalaasan (VHFs)
Dhukkuboonni Hoo’aa Dhiiga Dhangalaasan (VHFs) garee dhukkubootaati kan maatiiwwan vaayirasii adda addaatiin dhufan, kan akka dhukkuba Eeboolaa fi Lassa fever fidan, isaan kunis dhiigni dhangala’uu fi rifaamuu (shock) fiduu danda’u.
Mallattoowwan yeroo baay’ee dhukkuba akka utaalloo (flu) fakkaatuun jalqabu, kunis gara dhiiga qaama keessaa fi alaa dhangala’uutti guddachuu danda’a, yeroo tokko tokko immoo du’aaf saaxila.
Daddarbiinsi kan uumamu bineensota yookiin ilbiisota dhukkuba kana baatan waliin tuttuqaa uumuun, yookiin dhangala’aa qaamaatiin namaa namatti darbuun. Yaaliin inni guddaan deeggarsa kennuu (supportive) dha, ta’us qorichoonni farra vaayirasii addaa kan akka Lassa fever tiif ni kennamu.
Daddarbiinsa:
Vaayirasonni kun bineensota (akka hantuutaa yookiin bookee) keessa jiraatu, bineensa yookiin dhangala'aa qaama isaanii si'aayinaan tuttuquun namatti darbuu danda'u.
Daddarbiinsi namaa namattis ni danda'ama.
VHFs yeroo baay'ee naannoolee joogiraafii addaa kan bineensonni isaan baatan itti jiraatan qofaatti daangeffamu, keessattuu kutaa Afrikaa, Ameerikaa Kibbaa, fi Eeshiyaa keessatti.
Mallattoolee
Mallattoolee Jalqabaa:
Dhukkubichi yeroo baay'ee mallattoolee waliigalaa kan akka hoo’aa (fever), harganuu (chills), mataa dhukkubbii, maashaa dhukkubbii, fi dadhabbii agarsiisuun jalqaba.
Guddachuu Dhukkubichaa:
Dhukkubichi yeroo itti fufu, mallattooleen hamaan kan akka baasaa (diarrhea), haqqisaa (vomiting), fi dhiiga dhangala'uu (hemorrhage) qaamolee banaa fi qaama keessaa adda addaa irraa mul'achuu danda'u.
Adda Baasuu:
Dhukkubichi mirkanaa'uun isaa yeroo baay'ee qorannoo laabiraatorii, kan akka 'antibody' (IgG, IgM) sakatta'uu yookiin qorannoo PCR tiin.
Yaalii:
Yaaliin addaa tokko qofti VHFs hundaaf hin jiru.
Yaaliin xiyyeeffannaa guddaa qabu deeggarsa (supportive care) mallattoolee to'achuuf godhamuudha.
Qorichoonni farra vaayirasii, kan akka ribavirin, gosa VHF tokko tokkoof (kan akka Lassa fever) kennamuu danda’u.
Haala cimaa keessatti,
dhukkubsattoonni hatattamaan hospitaala galuu fi adda baafamanii (isolation) kunuunfamuu qabu.
Ittisa
To'annoo Infekshinii:
Talaalliin (vaccine) VHFs baay'ee waan hin jirreef, ittisuun baay'ee tarkaanfii to'annoo infekshinii irratti hundaa'a.
Irraa Of Eeguu:
Kunis bineensota yookiin ilbiisota vaayirasicha baatan Waliin tuttuquu irraa of eeguu, qulqullina eeggachuu, fi meeshaalee ittisaa sirrii ta'an (akka gilaavii,Maskii fi Aprone) fayyadamuu.
Nagaan biyya keenyaaf haa ta'u.
https://t.me/healthissuess