DIRQAMA KEE BAHII *** Hamma ati ofiif hin dhimmineetti, homtu siif… — MADDA BEEKKUMSAA🌳 — TG.ME

Forwarded fromJEJECHOOTA HAYYOOTA
DIRQAMA KEE BAHII
***
Hamma ati ofiif hin dhimmineetti, homtu siif dhimmaa hin qabu.
Addunyaa kana irraa waanti dhaabbatan tokko illee hin jiru, kanaafuu addunyaa jijjiiramuu kanaa faana jireenya kee jijjiiri (of haareessii).

Waan dagachuun sirraa jiraatu kamiyyuu dagadhuu. Guyyaa kee jaalala fi Gammachuun eegalii.
Namoota jireenya kee irratti gufuu sitti ta'anif dhimma hin qabatiin(tuffadhu). Waan sii barbaachisuu xiyyeeffannoo guddaan rawwadhu.

Abjuun gudda jedhame biraa hin gahamnee tokko illee hin jiru. Abjuu kee bira gahuuf immoo ifaajii (xaarii). Kan kanaan alaa abjuun kee abjuudhuma ta'eetu hafa.
Ifaaji(xaarii)n  ala abjuun kamiyyuu du'aadha.

Kufaatiin immoo ragaa waan tokko yaaluu keetii, kanaaf kufuu hin sodaatiin irraa deddebi'i yaalii.
      MILKAA'II
   Guyyaa gaarii 🙏🙏🙏
**
#share gochuu hin dagatin.
Join 👇👇👇
@JECHOOTAHAYYOOTA
@JECHOOTAHAYYOOTA
❤19👎4
May 6, 2026 2.4K 1