#Hojii manaa kee inni guddaan addunyaa kana irra hamma jiraattutti mul'ata dhokataa, uuman kee si keessa kaa'e barbaaddee argachuu fi fiixaan bahiinsa isaaf irratti hojjechuu dha.
Mul'ata mataa keetii barbaaddee argachuu fi irratti hojjechuu yoo baatte umurii kee guutuu garba mul'ata nama biroo taatee jiraatta jechuudha.
Misooma sammuu kee irratti hojjechuuf Itti gaafatamummaa kan qabu si qofa.
Mul'anni kee baay'ee gati jabeessadha. Jireenya kee keessatti mul'anni ati baastee ittiin hin hojjenne addunyaaf bu'aa hin qabu. Dhaloota kana kan fayyadu isa ati baastee ittiin hojjette qofaadha.
Kanaafuu, mul'anni keessa kee jiru akkuma jirutti gaaf tokko si waliin akka hin duune, dammaqxee irratti hojjechuutu si irraa eegama. Isa ta'uuf yaadamtee uumamte akka taatu, rakkoo murtaa'aa furuuf gara addunyaa kanaa dhuftes kan si taasisu mul'ata keeti.
Umurii lakkooftee qofa akka dabartuuf miti jireenyi kan siif kenname. Galma gahinsa mul'ata keef hojjedhu jireenya kee Jireenya lakkaa'amu, jireenya du'a kee boodaa illee dhaloonni yaadatu taasisi! Namoonni milkaa'oon hojii jaallatu, hojiitti amanus, humna qaban hundaan yeroo qaban hundatti hojii hojjechuudhan beekamu. Iccitiin milkaa’inaa inni guddaan hojii akka ta'e haalaan waan beekaniif, hojii barbaachiisaadha jedhanii itti amanan kamiyyuu ni hojjetu.
Mul'anni kee kunuunsa guddaa barbaada. Namoonni baay'een mul'ata akka qaban dubbatu, mul'ata isaaniif kunuunsa waan hin taasisneef garuu mul'anni isaanii hawwii qofa ta'ee hafa. Namoonni dogogoraa naannoo kee jiran bineensota mul'ata kee irra ejjetanii cabsaniidha. Kanaafuu mul'ata kee namoota sirriif qofa qooduun ogummaa guddaadha. Namoonni sirriin mul'ata kee si harkaa fuudhanii si gargaaranii siif ceesisu. Irra si jalaa hin ejjetan; siif kunuunsu.
"Misooma Sammuu kee irratti hojjechuuf Itti Gaafatamummaa kan qabu si qofa"
Galatoomaa!.
Waliif qoodaa
@OGUMMAA_A_U
@OGUMMAA_A_U