Prank Haadha mana
Namichi haadha manaa isaa deessee ji’a 2 hin guunne #Prank taasise namoota Miiliyoonaa 2 oliin daawwatameera. "Erga deessee ji’a 2 guuteettaa hojii eegaluu qabda jechuun eegale, dubartoonni habashaa rakkoo isaan qaban hin beeku, faranjoonni torban tokkotti hojii eegalu jedha,
Isheenis "jaaladheeniiiree😭? " jetti. Haala nyaata ishee waliin haasa’a. "Daabboo lama maaf fayyadamta tokko sin ga’uu? Aannanis hir’isi jedhaan." Isheenis "waaniin hoosisuufi bar💔" jechaa imimmaan lolaasti turte. "Haala jireenya ammaa ni beekta waan hunda xiqqeessii fayyadami jedhaan",
Erga isheen boossee qalbiif onneen ishee cabee #Prank dha jedhaan isheenis "waan garaa ofii haasa’anii #Prank dha jechuunis jiraa?" jette. Ergasii dhiifama gaafatus garuu onneen ishee baayyee gaddeera.💔😭
Obboloota koo!! As irratti jecha xiqqoo tokko qofa jechuun barbaada. Haadha manaa jechuun qaama ofiiti, waan hedduu dandeessi, maatii isheerraa adda baatee si filatteetti, kanaaf yeroon hunda dursa haa kenninuuf, An viidiyoo kana yeroon daawwadheetti hedduun gaddee, dubartii irraa dhalannee, obbolaa dubaraas qabna, jireenyi keenya isaaniin waan miidhageef an akka koof seekoondii tokko illee gaddisiisee beekamtiin argadhu mataan haa dhaabbatu. Beekamtiin namichi ittiin argate yeroomaafi, tarii jalaa gubata tarii ammoo innumtuu dhiisee deemu danda’a. Qabeenyi fi beektamtiin kanaan dhufu qilee haa galun jedheen dhiisa. Qaama kee ishee sitti aantu gaddisiisuun hordofaa ( followers ) horachuu hanga yaaddu, akkamiin umurii kee guutuu gammachiistee akka wajjin jiraattu yaadi! Waan goonu osoo of eeggannoo taasifneen dhaamsa kooti. Galatoomaa🙏
☆☆☆☆☆
#Share👇👇👇
➦ Gαℓαтσσмαα!!!
Υєʀσσ Gααʀιι
Yaada: @Kaayyoobot
👇👇👇👇👇👇👇
sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ◈sʜᴀʀᴇ
@Kaayyookoo
@Kaayyookoo
🔺ᴊᴏɪɴ🔺