Transfiguration Kutaa 2. Maat. 17:3. Maaliif Museefi Eeliyaas qofti… — Misgaanuu Yaadasaa — TG.ME

Transfiguration

Kutaa 2.

Maat. 17:3.

Maaliif Museefi Eeliyaas qofti filataman?
Namoota baay'ee Kakuu Duraa keessaa maaliif Museefi Eeliyaas qofti tulluu kanarratti argaman? Sababoota gurguddoo sadii haa ilaallu.
Dhugaa Baatuu Seeraa fi Raajotaa:
Akkuma beekamu, Museen "Seera" (Torah) isaa jalqabaa kenne; Eeliyaas immoo hooggana "Raajotaa" (Prophets) ti. Isaan lamaan Gooftaa Iyyasuusiif dhugaa bahuuf Isa cina dhaabbachuun isaanii, Kakuun Duraa guutuun (Seeraa fi Raajonni) Fayyina gonka Isa laatu gara Gooftaa Iyyasuusitti quba qabuufi Inni guutama Kakuu Duraa ta'uu isaa mirkaneessuuf.
Mul'ata Waaqayyoo Tulluu Irratti Argan:
Museen tulluu Sinaan irratti duumessa fi ibiddan Waaqayyoon argeera (Ba'uu 33). Eeliyaas immoo tulluu Kooreeb irratti qilleensa qalloo keessaan sagalee Waaqayyoo dhaga'eera (1 Mootota 19). Isaan lamaan kanaan dura tulluu irratti ulfina Waaqayyoo qofaa arganii kan turan yoo ta'u, amma immoo tulluu irratti ulfina Waaqayyoo foon uffatee dhufe (Gooftaa Iyyasuus) fuulaa fuulatti argan.
Du'afi afuura Addaa: Museen ni du'e; ni awwaalame (warra du'an bakka bu'e). Eeliyaas immoo utuu hin du'in gaarii abiddaatiin gara samiitti ol fudhatame (lubbuun jiraachuu bakka bu'e). Kunis, Iyyasuus Gooftaa hundumaa ta'uu Isaa agarsiisa.
//
Itti fufa.
August 19, 2026 347 4