Transfiguration
Kutaa 3.
Barattoonni yeroo sanatti maal gochaa turan?
Pheexiros, Yaa'iqoobii fi Yohaannis tulluu kanarratti maal gochaa akka turan Luqaas gadi fageenyaan nuuf ibsa:
1. Hirribni itti ulfaateera ture
Akkuma booda Getesemaanii keessatti ta'an, tulluu kanarrattis barattoonni hirribni baay'ee itti ulfaatee ture (Luqaas 9:32). Haa ta'u malee, utuu hirribni isaan fudhatuu dammaqanii ulfina Gooftaa Iyyasuusiifi namoota lamaan isaa wajjin dhaabbatan (Museefi Eeliyaas) argan.
2. Sodaafi Naasuu Guddaa
Ulfina calaqqisa sana siriitti erga arganii booda, baay'ee nahan, sodaanis isaanitti cime. Pheexiroos ariifatee, "Gooftaa, as jiraachuun keenya nuuf gaariidha; godoo sadii haa ijaarru..." jedhe. Maarkos akka ibsutti, "Maal akka dubbatu hin beekne, baay'ee sodaatanii turan" (Maarkos 9:6) jedhee haala Pheexiroos keessa ture addeessa.
3. Sagalee Naatoo qabu dhaga'an
Utuu Pheexiroos dubbatuu, duumessi calaqqisaan isaan uwwise. Duumessa sana keessaa sagaleen Waaqayyo Abbaa, "Inni kun Ilma Koo Isa Ani jaalladhudha, Isa dhaga'aa!" jedhu dhufe. Sagalee kana erga dhaga'anii booda, barattoonni addunyaa foonii irraa addaan ba'anii, naasuudhaan addaan gadi kukkufani. Pheexiroos, "Ati Masihicha, Kiritsoos, Ilma Waaqayyo Jiraataati" jedhee guyyaa 6 dura akka dhugaa ba'e Maatewoos barreesseera (Maat. 16:16). Guyyaa 6 booda immoo sagalee naatoo qabu, sagalrr qananii, Abbaan, "Ilmi Koo Ani jaallafhu Isa kanadha; Isa dhaga'aa" jedhu dhaga'e. Pheexiroos akkam carroomee?
Guyyaa 6 dura, yeroo Gooftaan iyyasuus, " Namoonni Ilma Namaatiin eenyu jedhu?" jedhee gaafatetti, waan namoonni jedhan walirraa dhaga'anii, Gooftaattis himanii turani. Amma garuu guyyaa 6 booda, sagalee Surrichaa (The Majesty voice) "Isa dhaga'aa!" jedhu dhaga'an. Oduu namootaa dhiisaa jechuu Isaati. Namoonni baay'een garuu har'allee, "Isa dhaga'aa" jedhaman dhaga'uu caalaa oduu namootaa dhaga'uu filatu.
Maal hubannaa?
Mul'atni tulluu kanaa barattootaaf qorumsa Fannoo dhufuuf jiruun dura akka isaan jabaataniif kan kennamedha.
Mul'anni kun erga darbee booda, barattoonni yommuu ija isaanii ol fudhatanii ilaalan, Musees Eeliyaasinis hin argine; "Gooftaa Iyyasuus qofatu" isaan wajjin hafe.
Kunis jireenya keenya keessatti, ija keenya addunyaa kanarraa kaasnee Kiristoos qofarratti akka hidhannu nu barsiisa; dabalatas dhuma jireenya keenyaatti, yeroo afuura ishee dhumaa baafannutti kan nuti arginu ifa jireenya keenyaa, Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoos ta'uu isaati.
Itti fufa.