๐“๐ฎ๐ฅ๐ฅ๐ฎ๐ฎ๐ญ๐ญ๐ข ๐จ๐ฅ ๐›๐š๐ก๐š๐š! Tulluun Maalidhaa? 1.Lafadhaโ€ฆ โ€” Misgaanuu Yaadasaa โ€” TG.ME

๐“๐ฎ๐ฅ๐ฅ๐ฎ๐ฎ๐ญ๐ญ๐ข ๐จ๐ฅ ๐›๐š๐ก๐š๐š!

Tulluun Maalidhaa?

1.Lafadha:
Tulluun lafa lafa caaltudha. Dacherraa uumamtee dache caaltee argamti. Lafa taatee Waaqatti dhiyaatti. Isa fagoottis isa dhiyoottis ni mul'atti. Bakka duumessi irra qubatee roobu, bakka lubbu qabeeyyiin itti baqatanidha. Bakka namoonni fo'aman daheeffatanidha. Akkuma tulluun dache taatee uumamtee waan dacheef barbaachisu bokkaa argamsiiftuuf, atis namuma taatee uumamtee waan namootaaf barbaachisu kennaa addaa qabdaati namootaaf kenni. Of hin tuffatin. Kan akka kee si qofatu lafa kanarra jiraati.

2.Jireenyadha:
Jireenyi tulluudha. Tulluun waan lamaaf fayyaddi. Yookiin dhoksuu ykn mul'isuuf. Yoo jabaattee tattaafattee Waaqnis si gargaaree itti ol baatee hundumaa olitti mul'atta. Yoo ta'uu baate garuu si dhoksiti.

3.Yaaddoodha:
Namni yeroo dhiphinasaa ibsatu, yeroo waan tokko gochuuf yaadee dadhabu 'tulluu' natti ta'e jedha. Dhuguma dhiphinni, yaaddoon tulluudha. Yoo jabaattee humna kee fixatte, ciniinnattee yaabbatte isa si dhiphise tullicha of jalatti ilaalta. Waan si yaaddesse sana of jalatti ilaalta. Addunyaa hundumaas asii gadi daawwatta. Yoo sodaattee ykn dadhabdee utuu hin yaabbatin haftemmoo umurii kee guutuu waan si yaaddesse, si dhiphise sana achii ol ilaalaa hafta. Yeroo hundumaa asii gadi si ilaalee si yaaddessa, si doorsisa, si dhiphisa.

4.Amantiidha:
Tulluu namuma yaabbatee argetu dadhabbii ishee, ulfaatina ishee arga. Amantiis namuma mi'eeffatee argetu dhamdhama ishee beeka.

5.Tajaajiladha:
Namni lafa dhaabatee tulluu irratti nama ilaalu bashannana itti fakkaata. Namni tulluu irraa jiru sun jireenyuma qananii waan jiraatu itti fakkaata. Tulluun garuu ni qorriti. Bineensota nama nyaatan heddu qabdi. Fooniif hin mijattu, waan qorrituuf. Tempireechara ulfaataa akkasii keessatti namni dafee hin guddatu. Rakkoon kun hundi garuu nama tulluu sana jala dhaabatee ol ilaaluuf hin galu. Nama tullicha yaabbatee arge qofatu beeka.

Tajaajillis akkasuma. Nama bakkee dhaabbatee ilaaluuf dirree diriiraa itti fakkaata. Kanarraa kan ka'edha namoonni baay'een yeroo faaruu tokko hojjetanii achumaan badan maaliif faaruu lammataa hin hojjenne ebeluun? jedhanii kan gaafatanif. Deebiinsaa Tulluu sana irratti wanti hunduu akka salphaatti namaaf hin mijatu kan jedhudha. Lallabdoonni hedduun yeroo fagaatan, waldaalee hedduun yeroo saffisaa eegamaniin tajajila kennuu dadhaban ni komanna. Deebiinsaa garuu Tulluttii irratti waan hunduu akka yaada ofiitti namatti hin tolu kan jedhudha. Kana hundumaa yoo tulluutti ol baane nuuf galaati, kottaa "Tulluutti" ol baanaa. Tulluu irraa faayidaa hedduus ni arganna, waan baay'ees barannaa. Tulluurratti hangafoota arganna.
Tulluutti gaafa ol baanu Iyyasuusiin (Waaqayyoon) arganna. Inni hangafa lubootaati. Raajota hangafoota Musee fi Eeliyaasiin arganna. Duuka bu'oota icciitii warra hangafoota Pheexiroosiin, Yohaannisii fi Yaa'iiqoobiin arganna.

Baga ayyaana guddicha mul'achuu ifa Waaqummaa Gooftaafi Fayyisaa keenya Iyyasuus Kiristoosiin isin ga'e

Ayyaana Gaarii!
//
โค1
August 18, 2026 477 11