Namni yakkaan himatame kamiyyuu, gocha himatame sana raawwachuu isaa Abbaan Alangaa ragaa "shakkii Dhama qabeessaan olitti" (beyond reasonable doubt) yoo hin mirkaneessine, namni sun yakkamaadha jechuun murtii adabbii irratti kennuun hin danda'amu. Kana malees, osoo sadarkaan ragaa kun hin guutin murtiin balleessummaa fi adabbii kennamun Heera waliin kan wal hin simne ta'uu isaa, fi mirgi "akka nama qulqulluutti tilmaamamuu" Heera mootummaa RFDI Keewwata 20(3) waliin xiinxaluun Manni Maree Federeshinii hiika heeraa dirqisiisaa ta'e kenneera. Dabalataanis, himatamaan ofii isaa yakka hin raawwanne jechuun mirkaneessuun isa irraa hin eegamu. himatamaan kan gochuu qabu, ragaa Abbaan Alangaa dhiyeesse irratti shakkii madaalawaa (reasonable doubt) uumuu qofa akka ta'e murtaa'eera. Murtii Mana Maree Federeshinii: • Lakkoofsa Galmee: 151 • Guyyaa: Waxabajjii 29, 2018 A.L.I kenname. https://t.me/Ardaaseeraa
Namni yakkaan himatame kamiyyuu, gocha himatame sana raawwachuu isaa… — Ibsa Chemeda Law Office — TG.ME
August 15, 2026 2.3K 25