YAADACHIISA Barattoota Kutaa 12ffaa Bara 2018tiif… — Kiyya Tech — TG.ME

YAADACHIISA
Barattoota Kutaa 12ffaa Bara 2018tiif
-------------------

Liinkiin "exam1.ethernet.edu.et " Shaakala Qormaataa Kutaa 12ffaa Bara 2018 Yaadachiisuu Ta'a.
-------------
BBO - Caamsaa 20/2018 Qormaatni Biyyoolessaa Kutaa 12ffaa bara 2018 Kompitara Bu'uureeffamee (CBT) Marsariitiin (Online)'n kennamu sababeeffachuun Tajaajilli Madaallii Barnootaafi Qormaatilee Biyyoolessaa Qormaata Shaakalaa Caamsaa 07/2018 irraa eegalee marsariitii irratti liinkii "exam1.ethernet.edu.et "
jedhuun barattoota Naannoo Oromiyaatiif gad-dhiiseera.

#Faayidaan_Qormaata_Shaakalaa irra deddeebi'anii akka shaakalamu barbaadameef inni guddaan
_ #hanqina_beekumsaafi dandeettii (knwoledge & skill) barattootaa kan guutu,
- #sodaa_qormaataa kan hir'isuufi #ofitti_amanummaa kan guddisu ta'uu itti amanameera.
Kanaafuu, Liinkicha yoo bantan fuulli "MoE - Exam Portal' argattu, Fuula baname kanarratti:
- Iddoon #Username jedhurratti Lakkoofsota Kaardii Galmee(Admission Card) kee irra jiru galchi.
- Iddoo #Password Jedhurratti immoo, Lakkoofsota 1234 jedhaman galchi.
Itti aansuun "#Log in" kan jedhu tuqi.
Kana booda, Gara Fuula Qormaata Shaakalaa galtee jirta jechaadha.

Qormaatilee kanneen shaakaluuf iddoo 'Internet'n gahaan jirutti meeshaalee :
- #Kompitara Deeskitooppii
- #Laaptooppii
- #Taableetii/Tablet/
- #Bilbila Harkaafi meeshaalee elektrooniksii walfakkaatanitti fayyadamuun iddoo isiniif mijatutti shaakaluu ni dandeessu.
May 28, 2026 325 1