Guyyaan arafaa(guyyaa 9ffaa zulhijjaa)guyyaa bilisummaa guddaa… — 🔊KEYRAL-UMMA-TUBE — TG.ME

« Guyyaan arafaa(guyyaa 9ffaa zulhijjaa)guyyaa bilisummaa guddaa duniyaa kanaati. Guyyaa ittiin garboonni lakkoofsa isaanii rabbi ﷻ malee namni tokkolleen hin beekne ibiddarraa itti bilisoomfamaniidha. Bilisa bahuun ibidda jahannam duraa rabbiin ﷻ bilisa nama baasuu caaltu jirtii?. Rabbiin ﷻ garboota san keessaa nu haa taasisu. Rabbiin ﷻ guyyaa arafaa nama arafa dhaabbatee fii hin dhaabbatinirraa illee khalqii hedduu ibiddarraa bilisa baasa. Kanaafi guyyaan itti aanu iida muslimtoota hunda godhame.»

« Guyyaa arafaa soommanuun badii fii ma'siyaa waggaa darbitee fii waggaa itti aantuu namarraa balleeysiti. Boojuu bakka bu'aa hin qabneedha. Of hin dabarsin.»

مقتبس من لطائف المعارف ٣٨٦. بتصرف يسير.


Zul'Hijjaa 8,1447H
👍6❤5🥰1
May 25, 2026 1.7K