Akkasumas karaan keessaa ba'an maali?
Deebiin isaatis Kitaba Rabbii jecha Isaa isa olta'aa keessatti argama:
فمن اتبع هداي فلا يضلُ ولا يشقى • ومن أعرض عن ذكري فإن له معيشة ضنكا﴾
«Namni qajeelcha koo hordofe hin jallatu, hin cinqamus. Warra gorsa koo irraa garagale immoo dhugumatti jireenya dhiphinaatu isaaniif jira.»
Kanaafuu furmaanni tokkichi gara Kitaaba Rabbii deebi'uu fi sheria (seera) Rabbii hojii irra oolchuudha... Sababni isaas, isa keessa sirna jireenyaa kan Uumaan uumamaa namootaaf jaallatetu jira..

