✓ DHUGAA NAAF GALE
=>Wantootni amma simudachaa jiran kun isaaninis mudateera. Qoramaniiru, mallaqa dhabaniru, fira dhabaniru, nama isaan hubatus dhabaniru. garuu darbaniru; waan guddaas hojjetaniru kanaaf atis yeroo bal'aa qabdaa jabaadhu💪.
=>Fedha qabaatte kutannoo dhabnaan fedhiin sun hawwii qofa ta'ee hafa🥴
=>Jireenya kee ilaalcha namoonni siif qaban irratti hin ijaarin🙅
=>Goota jechuun nama yeroo lolaa humnaan lolee mo'atu utuu hin taane; nama yeroo ariitii miira isaa to'achuu danda'udha🫡
=>Wantootni akka ati eegatetti deemuu dhabuun isaanii kayyoo kee raawwachuu dadhabuu keef mirkaneessa miti🫤
=>Ganama kee galataan eegali , galgala kees galataan xumuri🙏
=>Ofitti amanamummaa qabaannan wanti ati hin jijjiirre tokko hin jiru🙅
=>Kutannoon jiraannan galmi hin gahamne hin jiru
@jechaaf🏃🏃🏃itti fufa
1August 6, 2024 1.5K 2