#BARNOOTA ISLAAMAA
Barnoonni Islaamaa salaata qofaan kan daangeffamu miti. Inni karaa jireenyaa guutuu nama barsiisuudha.
Nabiyyiin ﷺ ni jedhan:
«طَلَبُ الْعِلْمِ فَرِيضَةٌ عَلَى كُلِّ مُسْلِمٍ»
"Barnoota barbaadachuun Muslimoota hunda irratti dirqama."
Dargaggaan Muslimaa tokko:
Qur'aana barachuu qaba.
Aqiiqaa isaa beekuu qaba.
Akhlaaqa gaarii qabaachuu qaba.
Beekumsa amantii fi addunyaa wal bira qabee barachuu qaba.
Yeroo ammaa namni amantii qofa beekee saayinsii hin beekne ni rakkata; namni saayinsii qofa beekee amantii hin beekne immoo karaa irraa bada.
Muslimni cimaa amantii fi beekumsa addunyaa walitti hidha.
https://t.me/Ehsan_tube







