"Sadarkaa fi Faayidaa Guyyoota Kurnan Duraa ji'a Zulhijjaa"
================
Bira hin kutinaa dubbisaa shares waliif godha
💌Nama hajjii dhaquu hin dandeenyeefis bakkuma jirutti carraa guddaatu jira alhamdulillaah
==============
Dhugumatti guyyoonni kurnan jalqabaa ji’a Zulhijjaa kun guyyoota addunyaa mara keessa Rabbi biratti akkaan kabajamoo fi guguddoo dha. Rabbi olta’aan isaaniin kakatee:
“Wa-l fajr. Wa layaalin ‘ashr.”
إنَّ أيّامَ العشرِ الأُوَلِ من ذي الحجة من أعظمِ أيّامِ الدنيا، أقسمَ اللهُ بها فقال:
﴿وَالْفَجْرِ * وَلَيَالٍ عَشْرٍ﴾
وقد قال كثيرٌ من أهل التفسير: هي عشرُ ذي الحجة.
Ulamaa’oonni baay’een: halkanoonni sun kurnan Zulhijjaati jedhan.
============
وقال النبي ﷺ:
«ما من أيامٍ العملُ الصالحُ فيها أحبُّ إلى الله من هذه الأيام»
قالوا: ولا الجهادُ في سبيل الله؟
قال: «ولا الجهادُ في سبيل الله إلا رجلٌ خرج بنفسه وماله فلم يرجع من ذلك بشيء».
Nabiyyiin ﷺ ni jedhan:
“Guyyoota hojii gaariin keessatti Rabbi biratti caalaa jaallatamu hin jiru guyyoota kana caalaa.”
Sahaabonni ni jedhan:
“Jihaadis moo?”
Nabiyyiin ﷺ ni jedhan:
“Ee Jihaadis ,,hin caalu; nama lubbuu fi qabeenya isaatiin ba’ee homaa osoo hin deebine malee.”
=============
ومن فضائلها:
أنها أفضلُ أيامِ الدنيا.
يجتمع فيها أمهاتُ العبادات: الصلاة، والصيام، والصدقة، والحج، والذكر.
فيها يومُ عرفة، وهو خيرُ يومٍ طلعت عليه الشمس.
Faayidaalee isaanii keessaa:
Guyyoota addunyaa keessaa irra caalaan isaanii guyyaa arafaati.
Ibaadaawwan guguddoon isii keessatti walitti qabamu:
Salaata,
Sooma,
Sadaqaa,
Hajjii fi Zikrii.
Guyyaan Arafaa isaan keessa jira; innis guyyaa aduun irratti baate keessaa irra caalaa dha.
Guyyaan Iid Al-Adhaa (Guyyaa Qalmaa) isaan keessa jira; innis Rabbi biratti guyyaa guddaa dha.
Hojii gaariin keessatti hojjetame mindaan isaa dachaadhaa.
================
يُستحبُّ فيها الإكثارُ من:
التكبير
التهليل
التحميد
الاستغفار
الصيام، خاصةً يوم عرفة لغير الحاج.
Keessattuu zikrii baay’isuun ni jaallatama:
Keessattuu guyyaa Arafaa 9 soomuun namoota hajjii hin deemneef barbaachisaadha.🙏