Warra Osoo Lubbuun Jiranii Jannataan Gammachiifaman
•••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••••
Rabbiin keenya Subhaanahuu Wata’aalaa ilma namaa uumee abbaa fedhe keessaa filata, Guyyaa fii halkan uumee sa’aa fedhe keessaa filata, ji’oota 12 uumee Afur irra caalchise akkasuma Ambiyoota hedduu ergee Rasuula keenya Nabi Muhammad Sallallaahu Aleeyhi Wasallam isaan hundarra caalchise.
Rasuulli Keenya Sallallaahu Aleeyhi Wasallam Sahaaboota 10 osoo isaan Lubbuun jiranii Jannata Rabbiitiin isaan gammachiise. Isaaniis……
1: Abuu Bakru Siddiiq
2: Umar Ibnul Khaxxaab
3: Usmaan Ibnu Affaan
4: Aliyyi Ibni Abii Xaalib
5: Xalhaa Ibnu Ubeeydullaah
6: Zubeer Ibnal Awwaam
7: Abdurrahmaan Ibnu Oowf
8: Sa’aa Ibni Abii Waqqaas
9: Sa’iid Ibnu Zeeyd
10: Abuu Ubeeydaa Ibnul Jarraah
Radiyyaalahu Anhum Jamii’an : Rabbiin Isaan Hunda Toltuu Dalagaa isaanii irraa haa jaalatuu.
Hubachiisa: Isaa kurnan kana qofa osoo hin tahin Rasuulli Rabbii jireenya isaa keessatti sahaaboota biraatiis jannataan gammachiisee jira. Garuu jara kurnan Kana Rasuulli Rabbii Hadiisa tokko keessatti maqaa isaanii yaameeti jannataan isaan Gammachiise.
Rabbiin nutiis akka Warra kanaatti Rahmata Nuuf godhee jannataan Nu Haa Gammachiisuu.
Yoo isinitti tole dubbisaatii share godhaa kheeyrii tanarraa qooda fudhadhaa.
Waan Dubbistaniif Galatoomaa : Jazaakumullaahu Kheeyran
By: Ibsaa Dhugaa
https://t.me/ibsaadhuga






