#VeechuwaalViizaa Itiyoo Telekoom Kaampaanii Viizaa waliin ta’uun Itiyoophiyaatti kan jalqabaa kan ta’e kaardii “Verchuwaal Viizaa” tajaajila viizaa fooyya’aa ta’e Viizaa daarektiifi Teelee birriin dhiheesseera. Viizaa Daarekt lakkoofsa kaardii Verchuwaal Teelee birriin biyyoota 190 caalan waliin tajaajila maallaqa daddabarsuu salphaa ta’e kan si’eessu ta’a. Tajaajilli haaraan kun maamiltoota miliyoona 47.55 tajaajiluu danda’a. Maamiltonni tajaajila kana argachuuf aappii Telebirrii haromsuu ("Update" ) gochuun Viizaa kan jedhu akka dhufuuf gochuu ni danda'u. @horainformation
August 21, 2024 869