Leenjisaan Maan Yuunaayitid Eerik Teen Haag kilabicha keessatti seenaa gadi aanaa galmeessuu itti fufaniiru
🔴 Maan Yuunaayitid taphoota piriimiyeer liigii shanan darban dirreesaarratti Liiverpuul wajjiin taasise keessaa sadiin moo'ameera, taphoota 18 duraan taasise keessaa garuu yeroo sadii qofa moo'ame.
🔴Maan Yuunaayitid baroota dorgommii shanan darban keessatti yeroo sadiif taphoota sadan jalqabaa taasise keessaa taphoota lamaan moo'ameera (2020-21, 2022-23) - Eerik Teen Haag immoo leenjisaa tokkicha balaan kun yeroo lama irra gahedha, bara darbeef barana jechuudha.
🔴 Eerik Teen Haag seenaa Maan Yuunaayitid keessatti leenjisaa jalqabaa yeroo waggaa tokko hin guunne keessatti taphoota piriimiyeer liigii sadii, goolii sadii fi isaa oliin Ooldi Tiraafordi irratti moo'ame ta'eera - Onk 2023, Maan Siitiin 3 fi 0'n, Muddee 2023, Boornimaawuz 3 fi 0'n Maan Yuunaayitidiin qe'eesaatti injifatanii turani.
Maddi: The Athletic - Opta waabeffachuun kan gabaasedha.
@goalinetalks