#Waliin_haa_kadhannu_Ummata_Afaariif 🙏🏾
Odeeffannoo gabaabaa waa'ee ummata Afaar
#Baay'ina_ummataa: 2,366,000
#Afaan isaanii: Afaaraf
#Amantii baay'inaan hordofamu: Islaama (99.10%)
#Hordoftoota Kiristiyaanaa: 0.1%–2%
#Amantoota Wangeelaa: 0%–0.1% gadi
#Macaafni Qulqulluun guutuun afaan isaaniitti hiikameera.
#Fiilmiin Yesus(Jesus Film) afaan isaaniitiin qophaa'eera.
#Sagantaaleen Wangeelaa sagalee fi suuraadhaan qophaa'an ni jiru.
Madda odeeffannoo: https://joshuaproject.net/people_groups/11486/ET
#Seensa
Ummanni Afaar ummata Baha Afrikaa (Itoophiyaa, Eritiraa fi Jibuutii) keessa jiraatu dha. Seenaan isaanii dhaloota isaanii ilmaan Kaam ilma Nohi wajjin walqabsiisa. Maqaan Arabiffaan isaanii "Daanaakiil" jedhu hiika gaarii waan hin qabneef, of isaanii "Afaar" jedhanii waamu filatu. Hawaasni isaanii gootummaa, jabinaa fi ija jabina guddoo kabaja.
Ummanni Afaar garee gurguddoo lama qaba:
Asaayimaaraa ("Diimota") – Naannoo Asaayitaa keessa baay'inaan kan jiraatan, mootummaa fi abbootii aangoo kabajamoo ta'an.
Adaayimaaraa ("Adiiwwan") – Naannolee gammoojjii keessa kan jiraatan, kutaa hawaasaa idilee fi nagaa jaallatan.
Mata dureewwan kadhannaa 🤲🏽
👉 Jaalalaa, tokkummaa fi nagaan akka jiraatu
Garaagarummaan sadarkaa hawaasaa gidduu Asaayimaaraa fi Adaayimaaraa jiru akka isaanii hin qoqqoodne; ummanni Afaar hundi jaalala, tokkummaa fi nagaa guutuu akka qabaatu haa kadhannu. Wangeelli Kiristoosis gidduu isaanii nagaa dhugaa fi walqixxummaa akka fidu haa kadhannu.
👉 Jabinni fi gootummaan isaanii Wangeelaaf akka oolu
Kabajni ummanni Afaar gootummaa fi obsaan qabu gara tajaajila Wangeelaatti akka jijjiiramu; jabinni isaanii dhugaa ba'anii Wangeela Kiristoos Itoophiyaa, Eritiraa fi Jibuutii keessatti ija jabinaan labsan akka ta'an haa kadhannu.
👉 Bishaan jireenyaa gara gammoojjiitti akka ga'u
Afaarota biyyoota sadii (Itoophiyaa, Eritiraa fi Jibuutii) keessa jiraatan hundaaf, keessumaa warra naannoo fagoo gammoojjii keessa jiraatanii Wangeelli salphaatti bira hin geenyeef jabaannee haa kadhannu!
Karaa nuti wangeela lallabnu keessaa inni guddaan karaa kadhannaati. Saba tokko, maatii tokko, biyya tokko, nama dhuunfaa tokko...maqaa isaa dhoofnee ifa jireenyaa isa ta'e Yesuusitti amanuun jireenya barabaraa akka argataniif kadhachuun hojii miisiyoonii keessatti hirmaachuudha.
maxxansa share waan gootaniif eebbifamaa!
Bona Adugna
t.me/Ifa_Dhalootaa