Lafeen koo ati kukkutte Yesus akka si jaalatu sitti himu
=====================================
Kun Nicky Cruz dha. Waggoota 80 har'aa dura biyya USA miila tokkoon kan dhaabaa ture isaa fi garee inni hogganadhudha. Qindeessaa, gurmeesaa fi gaggeessaa garee maafiyaa magaala New York ture. Hatuun, saamuun, daddabarsa qoricha sammuu nama adoochuun Nicky Cruz galmee himatamtoota yakkaa Ameerikaa keessatti sadarkaa jalqabaa irra ture.
Inni nama polisiin hin dandeenye akkaan rakkisaadha. Isaa fi garee isaa qabuuf humni komaandoo Ameerikaa meeqa bobba'us qabanii hidhuun inuma dadhabame. Osoo akkasittiin jiruu Hafurri Waaqayyoo gara tajaajilaa David Wilkerson dhaquun "Ka'i. Gara magaala New York deemi. Dhaqi misraachoo wangeelaa mandarattiitti himi." jedheen.
Dr. David Wilkerson tajaajiilaa baadiyyaa keessaa waan turaniif "Yaa gooftaa, ani akkamittiin baadiyyaa kana keessaa deemee gara magaala ijaarsa gurguddaa, magaala akkaan walxaxaa fi ammayyaa'aa kanatti beekee lallaba? Nama akka koo kana eenyutu dhaga'a?" jechuun Waaqayyoon gaafate. Ta'us dubbichi Waaqayyoo biraa waan muraameef "Egaa humni Hafuura koo si wajjiin ni ta'a, dubbii koo isa qullaa'aa yoo dubbattu ani dhalootan oolchuuf murteesse nan qaba" sagaleen jedhu itti himame. innis in dhaqe.
Hafuura Qulqulluun hoogganamee mandara Time Square, magaala New York dhaqe. Wangeela lallabuu eegale. Guyyoota baay'eef itti fufuun misraachoo wangeelaa hime. Guyyaa tokko garuu waanti keessummaa ta'e tokko uumame. Dr. David osoo wangeela lallabuu Nicky Cruz fi jamaan isaa achiitti argaman. Lallabichis, "Yaada garaa keessanii geeddaradhaa, Yesus Kiristoositti amanuun dhiifamuu cubbuu argadhaa. Yoos ni fayyitu." isa jedhu ture.
Lallabni kun gurra Nicky Cruz seene. Hogganaan maafiyaa Ameerikaa raasu kun Dr. David Wilkerson kabale. Lafatti kuffise. "Lammaffaa dubbii akka kanaa mandara Kana Keessatti yoo lallabde qaama kee adda adda kukkuteen lafatti darbadha" jedheen. Deebiin Dr. David garuu laphee nama cabsa. Innis "Atillee akkuma jettu qaama koo kukkuttee lafatti daddarbachuu dandeessa ta'a. Waanta tokko garuu beeki. Lafeen koo ati caccabsitee darbattu hunduu Yesus akka si jaalatu sitti himu" jedheen. Geggeessaan maafiyaa sun achitti isa dhiisee deeme.
Jechi kun garuu Nicky Cruz geggeessaa garee maafiyaa sanaa boqonnaa dhoowwate. Deemus, dhaabbatus, rafus jechi kun akka sagalee kiraaraa gurra isaa irraa itti dhaga'ama. Innis waanta tokko murteesse. Garee maafiyaa isaa hunduu akka qophaa'aanii fi guyyaa konfiransiin qophaa'u irratti akka hirmaatan, hojii wangeelaa hunda akka dhaabsisanii fi Dr. David Wilkerson immoo akka ajjeesan murteesse. Guyyaan sun ni ga'e. Hunduu bibittaannaa'ee amantoota gidduu taa'e.
Dubbiin faallaa ta'e. Humni hafuura gooftichaa laficha to'ate. Sagaleen Waaqayyoo laphee jabaataa Nicky Cruz cabse. Wanti waltajjii irraa dubbatamu hunduu qalbii isaa fudhachaa adeeman. Yeroo namoota fayyinaaf gara waltajjiitti waaman Nicky Cruz akka daa'imaatti imimman roobsaa gooftaa Yesusiif jilbeenfate. Wangeelatti amane. Warri isa wajjiin turan hundinuu Yesus Kiristoositti amanan.
Kan humni komaandoo Ameerikaa jilbeenfachiisuu dadhabe jaalalli Yesus ni jilbeenfachiise. Ni barate, ni cuuphame. Hojjetaa wangeelaa ta'ee guutummaa biyya lafaa irra naanna'uun fayyisuu Yesus Kiristoos dhugaa ba'e. Sababii kanaan magaalli New York nagaa argatte. Yakki guutummaatti ni dhabame. Manni hidhaa ni cufame. Amantootni waa'ee isaaf Waaqayyoon galateeffatan. Wangeelli yoo dhugaan lallabame kunoo akkasitti nama jijjiira.
Madda: The Cross and the Switchblade by Pastor Dr. David Wilkerson
https://www.facebook.com/share/1E5W1iT6PG/ follow yoo gootan ibsa Macaafa Qulqulluu fi barumsa gaggabaaboo ni argattu!
t.me//Youth4Christ1
Forwarded fromYOUTH FOR CHRIST MINISTRY
Facebook
Log in or sign up to view
See posts, photos and more on Facebook.
June 11, 2026 46