SIRNI AWWAALCHA ILFINASH QANNOO akkuma ishiin dhaammatte AMBOTTI… — 𝐅𝐢𝐧𝐟𝐢𝐧𝐧𝐞𝐞 𝐏𝐫𝐞𝐬𝐬 — TG.ME

SIRNI AWWAALCHA ILFINASH QANNOO akkuma ishiin dhaammatte AMBOTTI raaw'atama jedhameera
===========================

"Sirni awwaalcha Artistiifi qabsooftuu Ilfinash Qannoo guyyaa borii magaalaa Ambootti adeemsifama.

Haalota guyyaa borii:

Ganama obboroo saa’atii 11-12-tti reeffi Hospitaala Kooriyaa irraa gara mana jireenya Ilfinash Qannoo Finfinnee naannoo Inqulaal Faabirikaatti ni geggeeffama (Birbirsa Gooroorraa yeroo dhuftan Mana Barumsaa Taaddasaa Birruu ol darbuun addabaabaayii Gommaa biratti gara harka bitaatti gortu)

Ganama sa’atii 12-1 tti, Reeffi mana jireenyaa irraa gara Istaadiyeemii Finfinneetti ni geggeeffama. (Saa’aatii 1-3tti) Sirni geggeessaa guddaan Istaadiyeemii Finfinneetti ni taasifama. (Namuu akka hin hafne)

Sa’aatii 3 booda Imalli gara Ambootti ni taasifama. Jiraattonni Magaalota akka Buraayyuu, Manaagashaa, Holata, Ejeree, Giincii fi kkf karaatti eeguun geggeessaa gootaa akka gootan isniif dhaamna.?"

~ ©Jawaar Mohammed ✍️
❤2
September 7, 2026 426 1