"Atileetii Of irratti alba'e!🙄
Mikaa'el Ekvall jedhama. Lammii biyya Swedeni. Bara 2008 fiigicha Maraatoonii Goteborg irratti osoo fiigu baasaan/Yaasaan/Garaa kaasaan isa muudate. Inni garuu sababa kanaaf dorgommicha osoo adda hin kutin fiigee 21ffaa bahe. Suuraan isaa gaditti muldhatu kan albaatiin irraa muldhatuu fi fuula isaa walitti guduunfame (miira dhukkubbii) agarsiisu kun "social media" hundatti itti qoosame. Isa garuu taatichi homaa isa hin ajaa'ibne. Maaf fiigicha adda kuttee mana fincaanii hin deemin? Jedhamee gaafatamnaan "Indee, maaliif adda kuta? , yeroo hin qabneen adda kutee maalin ta'a" jedhee deebise. Erga yeroo saniitii kaasee namni itti qoosaa, muudii itti qabachaa ture. Inni garuu takka gurra itti hin kennine. Namni kun bara 2014tti dorgommii walfakkaataa Copenhagen tti qophaa'eetti rikaardii addunyaa haaraa galmeesse.
Abdii hin kutatin, oduu namaas hin dhagahin!!"
Yeroo hundaa akka oddefannoo isiin biraan genyuuf tumsii kessaan barbachisaadha React Tuqun nuu agarsiisaa👍❤️

74
20
17
12
8
5
2April 17, 2026 17.6K 3 1