Firiin qormaata kutaa 12ffaa baranaa fooyya’iinsa guddaa… — Entrance Result — TG.ME

Firiin qormaata kutaa 12ffaa baranaa fooyya’iinsa guddaa agarsiiseera”
Pirofesar Biraanuu Naggaa

#Gaazexaa Pilaas/ Ministeerri Barnootaa Itoophiyaa bu’aa qormaata biyyaalessaa kutaa 12, hagayya 16, bara 2018 ifoomseera. Ministirri Barnootaa Pirofesar Biraanuu Naggaa ibsa miidiyaaleef waajjirasaaniitti kennaniin akka jedhanitti bu’aan qormaata bara kanaa kan bara darbee nicaala jedhan.

Bara darbe manneen barnootaa kuma tokkoofi 232 barataa tokkollee hindabarsiin, bara kana manneen barnootaa 565 barattoota osoo hindarsiin hafan jedhan.

Barattoota waliigalaa kuma dhibba shaniifi kuma 50fi 210 qoraman keessaa barattoonni kuma 70fi 544 jechuunis dhibbantaan 12.82 qabxii darbiinsaa 50fi isaa ol galmeessaniiru jechuun himan.

Manneen barnootaa 88 barattootasaanii dhibbantaa 100 yoo dabarsan manneen barnootaa 565 ammoo barataa tokkollee osoo hindabarsiin hafaniiru jechuun dubbatan.

Qormaata bara kanaatiin dhiiraan qabxii 600 keessaa 591.64 saayinsii uumamaatiin galmaa’eera. Saayinsii uumamaatiin qabxii olaanaan akka biyyaalessaatti galmaa’e dhiiraan qabxii 600 keessaa 591.64 Mana Barnootaa Bultii Addaa Waldaa Misooma Oromiyaa Adaamaatti ta’uufi dubartootaan qabxii 600 keessaa, qabxii 583.03 Mana Barnootaa Agawu Midir Magaalaa Injibaaraa ta’uu ibsan.

Saayinsii hawaasaatiin qabxii olaanaan galmaa’e dhiiraan qabxii 600 keessaa, 576.25 Mana Barnootaa Ifa Boruu Addaa Dodolaan galmaa’eera jedhan. Dubartootaan qabxii 600 keessaa, qabxii 569.17 kan fidde, barattuu Magaalaa Finfinnee Kutaa Magaalaa Booleetti, Mana Barnootaa Suppar Hoolii Seeviyer ta’uun galmaa’eera.

Bara darbe barattoota dhibbantaa 8.9 qormaata kutaa 12 darbuu himanii, bara kana qabxii darbiinsaa barattoonni galmeessan kan bara darbeen walbira qabamee yeroo ilaalamu kuma 20n caalmaa akka qabu dubbatan.

Waliigalaan, akka ibsa ministirichaatti barattootni saayinsii uumamaa dhibbantaa 16.6, barattootni saayinsii hawaasaa dhibbantaan 8.3 qabxii darbiinsaa fiduun yunivarsitii seenuusaanii mirkaneeffatanii jedhan.

Naannoleefi magaalota dhibbantaa barattoota dabarsuu isaaniis ibsaniiru. Haaluma kanaan magaalaan Finfinnee 32.2, Hararii 22.67, Affaar 15.6, Amaaraa 15.56, Oromiyaa 10.53, Itoophiyaa Jiddugaleessaa 9.23, Dirree Dhawaa 11.29, Tigraay 11.2, Somaalee 9.2, Sidaamaa 6.95, Beenishaangul Gumuz 6.12, Itoophiyaa Kibbaa 5.82, Itoophiyaa Kibba Lixaa 4.92 fi Gambeellaa 3.74 dabarsaniiru.

▶️Youtube 👇👇
http://bit.ly/4m2OTUK

❤️ Telegram 👇👇
https://t.me/BirooBarnotaaOromiya1
❤7👍2😍2😘2
August 29, 2026 1.2K 2