#Yeroo filannoo Yunivarsiitii guuttan wantoota beekuu qabdan muraasa
🔶 Yunivarsiitiin bakka waggoota hedduuf itti barattan waan ta'eef, yeroo filannoo yuunivarsiitii guuttan wantoota armaan gadii beekuun barbaachisaa dha.
1. Duraan dursee, yunivarsiitiileen isin filattan field/department barbaaddan akka qaban mirkaneeffadhaa. Kun wanta hundarra barbaachisaa dha. Yoo ammayyuu field/department barachuu barbaaddan hin murteessine ta'e, amma irraa jalqabee filannoo gabaabaa (shortlist) qopheeffadhaa.
2. Yunivarsiitii sana keessatti qulqullinni barnootaa akkam akka ta'e qoradhaa; keessumaa field/department isin barbaaddan keessatti sadarkaan barnootaa akkam akka ta'e sirriitti odeeffannoo isaa funaannadhaa.
3. Yunivarsiitii fi magaalaa filattan YouTube irratti ilaalaa. Akkasumas barattoota achitti baratan gaafadhaa. Yoo obboleessi ykn obboleettiin keessan kan yunivarsiitii baratu jiraates, isaaniinis gaafadhaa. Isaan barattoota mana barumsaa sadarkaa lammaffaa waliin baratan kanneen yunivarsiitii adda addaa seenan beekuu waan danda'aniif odeeffannoo gaarii isiniif kennuu ni danda'u.
4. Fakkeenyaaf, Addis Ababa University (AAU) keessatti department' wwan baay'ee barbaadaman kanneen akka Medicine fi Software Engineering seenuun baay'ee ulfaataa dha. Yoo qabxii gaarii hin qabaanne ta'e, department baay'ee barbaadamu seenuun ulfaataadha. Kanaaf department filannoo keessan hin taanetti ramadamuu dandeessu.
5. Yeroo filannoo yunivarsiitii guuttan, hiriyoota kutaa keessanii ykn obboleessa/obboleettii yunivarsiitiitti baratan wajjin mari'adhaa guutaa.
6. Yoo yunivarsiitiin isin filattan magaalaa keessaan ala ta'e, waa'ee nageenyaa fi tasgabbii magaalaa sanaa odeeffannoo walitti qabaa.
7. Akkasumas haala qilleensaa magaalaa yunivarsiitiin sun keessa jiruu tilmaama keessa galchaa. Barattoonni tokko tokko bakka baay'ee ho'aa ta'e keessatti waggoota hedduuf jiraachuun isaan rakkisuu danda'a.
Namoonni hin ilaalatiin Ganama kana ergaadhaa 👇👇👇👇
https://t.me/+2gtODzpXCOplMzJk
https://t.me/+2gtODzpXCOplMzJk
⭕️START GODHAA SEENAA 👇👇👇
https://t.me/mysearch?start=By0IjCKxD3tb6hZ7T-ngIHVrJO2XbQ9UmtowlpgO06w

10
3
3August 27, 2026 1.6K 1 6