Itti dabaluuniis ciminootni hojii bara bajataa dabre keeysatti mul’ate cimee, qaawa mul’atu furuuf xiyyeeffannoon kennamuu akka qabu dhaamanii jiru; hojii idilee cinatti, dhaabbileen fayyaa tokkoon tokkoon isaanii qulqullina kan qaban, mijjaawaa, magariisaa, fi fayyadamtootaaf mijjataa ta’uu ibsanii kanq mirkaneessuuf xiyyeeffannaan addaa kennamuu akka qabu, akkasumas riifoormiin siiviil sarvisii bulchiinsi hojiirra oolchaa jiru dhaabbilee keessatti kutannoodhaan hojiirra ooluu akka qabu hubachiisanii jiru.
Akkasumaas, bara itti aanuuf xiyyeeffannaan damee fayyaa qulqullinaa fi sadarkaan gaariin hoogganuu, ittisa dhukkuboota daddarboo fi daddarboo hin taanee fi weerara tohachuu, fayyaa haadholii fi daa’immanii irratti xiyyeeffachuun du’a haadholii hir’isuu, dhaqqabummaa tajaajilaa mirkaneessuu, fi dhimmoota bulchiinsa gaarii furuu, naannoolee ollaa Harargee Bahaa, Harargee Lixaa, fi Somaalee waliin ta’uun qindoominaan hojjechuun barbaachisaa tahuu ibsan.
Itti gaafatamtuun biiroo fayyaa bulchiinsa Dirree Dhawaa Doktar Tsiggeeradaa Kiflee bara baajataa 2018tti hojiiwwan jajjabeessaan raawwatamuu ibsuun bara baajata 2019tti damee fayyaa daran ammayyeessuun bu’a qabeessa taasisuuf tattaaffiin akka taasifamu ibsanii jiru.
Xumura sagantichaa irrattis sagantaan beekkamtii fi galateeyfannaa dhaabbilee, raawwachiistota, fi dhaabbilee michuu adda addaa bara baajataa 2018 raawwii olaanaa galmeessaniif laatamee jira.
Suuraa: Salaam Abbebaa



















