Barattoonni qormaata biyyaalessaa kutaa 12ffaa
Haa ta'u malee, guutummaa biyyattiirraa lakkoofsi barattootaa fi maatii yeroo tokkotti marsariiticha (website) fi telegiraamii fayyadamanii baay'ee olaanaa waan ta'eef, dhiibbaan teeknikaa mudachaa jira. Kanaan walqabatee saffisni marsariitichaa hir'achuu ykn yeroodhaaf tajaajila kennuu dadhabuu danda'a. Kun haala uumamaa teeknooloojii yeroo gabaabaa ti.
Kanaafuu, barattootnii fi maatiin barattootaa yoo sararri isin jalaa cufame ykn ariitiin isaa laafe, dhiphachuu irraa of qusachuun, tasgabbii fi obsaan irra deddeebi'uun (Refresh gochuun) akka yaaltan isinii dhaamna. Ragaan qabxii barataa kamiyyuu sirnaan kan fe'ame waan ta'eef, dhiibbaan sararaa kun suutuma suuta yeroo fooyya'aa deemu hundumti keessanuu qabxii keessan haala salphaan kan argattan ta'a.
Filannoowwan sirrii irra deddeebi'uun ittiin yaaltan:
📌 Marsariitii (Website): https://result.eaes.et
📌 Telegiraamii : @EAESbot
📌 Ergaa Gabaabaa (SMS): https://result.eaes.et/sms
@baacoowwan

3August 25, 2026 575