#Sangoota-Sadan
Bara durii, sangoota sadiitu wajjiin jiraatu ture. Isaanis, adii, burreefi gurraacha turan. Sangoonni sadan tokkummaa waan qabaniif diinni gidduu isaanii seenee isaan miidhu hindanda’u ture.Kan isaan nyaachuu fedhus sababa isaan tokkummaa qabaniif isaan argachuu hindanda’u ture. Waraabessi yeroo heddu nyaachuuf yaalee dadhabe. Gaaf tokko, bifa isaaniitiin adda adda isaan qoqqoodee nyaachuuf murteesse.Ganama gaaf tokkoo sangaa gurraachaafi burree kophaatti waamee, “Bifni keessan lamaan halkan hinmul’atu; kan sangaa adii kun garuu halkan fagootti mul’ata. Kun immoo, diina isinitti baay’isaa jira. Kanaafuu, sangaa adii kana of keessaa baasaa,” jedheen. Isaanis, sangaa adii hiriyaa isaanii kan waggaa dheeraa wajjiin jiraatan sana ofkeessaa baasan. Waraabessichis sangaa adii kophaatti argatee qarxamsee nyaate. Waraabessichi, guyyaa lammaffaa gara sangaa gurraachaa dhufee, sangaa burree irraa akka adda bahu gorse. Haala kanaan, sangoota burreefi gurraachas addaan baase. Kana booda, lamaan isaanii kophaa kophaatti argatee nyaate jedhama.
Hubadhu!⤵
1.Tokkummaa dhabuun keenya, qofaatti diinaan akka nyaatamnu, akkasumas kan irree qabuuf olaantummaa mataa isaatiin akka qofaa qofaatti dhiibbaa uumuu danda'u barruun kun ni dubbatti.
2.Saba addaan faca'e, kutaaf gandaan qooduun, amantii fi paartiin ijaaruun ni salphata; 'maaliif!?' Jennaan, tokkummaan hin jirukaa! Qaamuma argetuu, qoodinsa keenyatti fayyadamee nunyaata; hireen keenya dhumaa kophaa kophaatti aarsaa hin malle kanfaluudha.
Furmaanni ammoo⤵
Wal ijaaruu, tokkoomuu, wal utubuuf gurmuun socho'uun, qarriffaa diinaa jalaa of baasuuf malaaf tooftaa salphaadha. Amma kana hin taaneetti, akkuma sangoonni sadeen bifaan wal qoodanii nyaataman, nutillee waan hin malleen wal qoonnee diinaaf karaa saaquun wal nyaachifna!
TOKKUMMAAN HUMNA!