Odeeffannoowwan karaa Teeleegraamiin hatamaa jiru jedhame
Guyyaa har'aa Odeeffannoowwan karaa Teeleegraamiin hatamaa waan jiraniif fayyadamtoonni of eeggannoo barbaachisu akka taasisan Bulchiinsi Nageenya Odeeffannoo hubachiise.
Har'aa eegalee karaa akkaawuntii Teeleegraamiin (phishing link) dabalatee karaalee biroon odeeffannoon hatamaa jiraachuu bulchiinsichi ibseera.
Madda: FBC
Sababa kanaan fayyadamtoota Teeleegraamii kamiyyuurraa liinkii ergamu banuu dhiisuu fi battalumatti balleessuun barbaachisaa ta'uu himeera.
#Oromiyaa #Ethiopia

1December 26, 2024 859 1