Jaalala Ganeera
Akkan abdiin sin eegneef
Abdiikoo dhaamsiteetta
Akkan kan biraa hin laalleef
Qaroo koo jaamsiteetta
Balbala onnee kootii
Jaalalaan saamsiteetta
Ati deemteetta hin dhuftu
Onneen koos ormaa hin kuftu
Ati sichi kankoo hin taatu
Onneen koos durba biraatti hin naatu
Kanaafuu...
Ganda jaalalaa keessaa
Godoo koo butadheera
Akkan durba hin jaallanneef
Garaa koo kutadheera!
Egaa...
Atis booda deebitee
Onnee koo rafte hin kaasin
Achumarraan fagaadhu
Dhuftee garaa na hin raasin
Faallaa ta'ee jiraachuuf
Daandii haaraa baneera
Kana booda hin danda'u
An jaalala ganeera!
✍️ Martinaan S
@Absereact2

1November 2, 2025 349 1