Pireezidaantiin Botswaanaa Dumaa Bookoo jibbiinsa biyyoota alaa… — Finfinnee tube — TG.ME

Pireezidaantiin Botswaanaa Dumaa Bookoo jibbiinsa biyyoota alaa lammiilee Bootswaanaa Afrikaa Kibbaa keessa jiraatan irratti raawwatamaa jiru irratti labsii yeroo hatattamaa biyya isaanii labsan.

Murteewwan gurguddoo Pirezidaantichi dabarsan:

Mootummaan Bootswaanaa daangaa Afrikaa Kibbaa waliin qabdu maraa, hatattamaan akka cufamu ajaje.

Humna ibsaa Afrikaa Kibbaatti naannolee adda addaatti ergamaa ture akka addaan citu murtaa'e.

Tarkaanfiin kun Afrikaa Kibbaa kan amma dura hanqina anniisaa waliin rakkataa jirtuuf murtii rifaasisaa ta’ee dhufeera.
Pireezidaanti Dumaa Bookoon haasaa isaanii keessatti Afriikaan Kibbaa qabsoo Appaartaayidii irratti Botswaanaaf gumaacha seena qabeessa taasifte yaadataniiru.

"Roorroo mo'achuuf isin gargaarre, har'a garuu ijoolleen keenna dachee keessan keessatti salphifamaa jiru!" jechuun Pireezidaantichi aarii isaanii ibsatan.

Murteen kun hariiroo biyyoota ollaa lamaan hammeessuu mala jedhamee sodaatamaa jira.
May 5, 2026 406