Israa’elii fi Ameerikaan bu’uuraalee misooma Anniisaa Iraan… — Finfinnee tube — TG.ME

Israa’elii fi Ameerikaan bu’uuraalee misooma Anniisaa Iraan Isfahaanii fi Kooraamshaahir jedhaman irratti haleellaa raawwataniiru.

Pireezidaantii Doonaald Tiraampi bu’uuraalee misooma Annisaa Iraan haleeluuf yeroon akeekkachiisaa kennan guyyoota shaniif dheerachuu erga beeksisanii sa’aatiwwan muraasa booda haleellaan kun raawwatamuu gabaafameera.
Haleellaa Buufata Annisaa Isfahaanii irratti raawwatameen gam bulchiinsa gaazii uumamaa naannawichatti argamuu fi buufanni to’annoo dhiibaa Gaazii miidhamuu ibsameera.

Haaluma walfakkaatuun haleellaa bu’uura misoomaa Kooraamshaahir irratti raawwatameen ujummoon daddabarsa gaazii uumamaa midhameera.

Haleellichaan booda Iraan tarkaanfii deebii fudhatteen Magaalota Israa’eel Neegeev, Diimoonaa, Teel Aviiv fi Eeliyaatti bu’uuraalee Waraanaa Ameerikaa Giddugala Bahaatti argaman haleeluu Warraaqsi Eegaa Iraan beeksiseera.

Haleellaa Iraan raawwatte kanaan gamoon Magaalaa Teel Aviivitti argaman irra miidhaa olaanaan qaqqabuu fi namoonni 6 madaa’uu MF Israa’eel ibseera.
❤1
March 24, 2026 482