Hormuuz cufamuu hordofee omishni boba’aa Gamtaa Eemiraatota Arabaa walakkaa oliin gadi bu’e
Iraanifi biyyoottan Galoo Galaana Arabaa gidduuutti walitti bu’iinsi hammaachuu hordofee darbi Hormuuz cufamuusaatiin omishi boba’aa Gamtaa Eemiraatota Arabaa walakkaa oliin gad bu’uun gabaafame.
Darbi Hormuuz cufamuurraa kan ka’e dhaabbanni boba’aa mootummaa Gamtaa Eemiraatota Arabaa Aadnook (ADNOC) boollawwan boba’aa keessaa baasu cufuu beeksiseera.
Karaa dooniiwwan addunyaa boba’aa fe’atanii keessa darban kun ammas gabaa boba’aa addunyaa rakkoo keessa galchee jira.

1March 16, 2026 474