Barattoonni yuunivarsiitii waggaa 3ffaa erga xumuranii booda labsiin waggaa 1'f tajaajila barsiisuu akka kennan dirqamsiisu bara 2019 irraa eegalee hojiirra ni oola jedhame.
Bu'aa fi Mindaan barsiisotaaf dhihaatu gahaa ta'uu dhabuu isaatiif hanqinna barsiisotaaf sababa ta'uu isaa ministeerri barnoota Pirofeesar Birhaanuu Naggaa miseensota mana mareef himeera. Kunis barsiisota haaraa haala gahaa ta'een omishuuf rakkisaa akka godhe ibsaniiru.
Namoonni digrii jalqabaa qaban koorsii mala barsiisummaa (pedagony) wagga tokkoof fudhachuun barsiisummaaf gahaa akka ta'an ministeerichi eereera. Haala kanaan lakkoofsa barsiisota guddisuun ni danda'ama jedhaniiru.
Barattoonni yuunivarsiitii waggaa tokkoof tajaajila barsiisuu yeroo kennan, jaalala ogummaa barsiisumma horachuu akka danda'an ibsaniiru.
Bara darbe oolmaa daa'immanii irraa hanga kutaa 12ffaa akka biyyaatti barsiisota 625,000 kan jiran yoo ta'u, bara kana lakkofsicha gara 700,000tti ol guddisuuf hojjatamaa jiraachuu ibsameera. #Fortune

1November 17, 2025 638 1