🛑Dhaamsa Hatattamaa !🛑
Dhukkubni maalummaan isaa hinbeekamne Omoo Kibbaa, hospiitala Jinkaa keessatti mul'atee jira jedhamaa jira. Qabata dhukkubichaatiinis ogeessa fayyaa, doktarii tokko dabalatee namootni shan hanga ammaatti akka du'an himamaa jira.
Odeeffannoon fuulli Ethiopian History.." jedhu tokko baase akka himutti dhukkubichi jalqaba dhagna gubaa erga namatti fidee booda dhiigni qaama keessaa akka dhangala'u godha..
Dhukkubni hamaan kun orgaanii qaamaa butuche guyyoota sadi'ii hanga shanii gidduutti du'aaf nama saaxila jedhameera.. Ammatti namootni dhukkubichaan qabaman cufti du'aniiru.
Kanaaf, namootni gara naannoo Omoo deemtanis taatan, naannichaan hariiroo qabdan of'eeggannoo godhaa...
Hubadhaa:
Dhukkubichi tuttuqqaadhaan nama irraa namatti darba.
Dhaamsa kana waliif dabarsaa.

2November 12, 2025 560