Har'a ganama Irra deebi'uun naannoo Awaash Fantaalleetti kirkirri lafaa muudachuun ibsame.
Yuunivarsiitiin Finfinnee Naannawaa Awaash Fantaalleetti kirkirri lafaa reektar Iskeelii 4.8 mudateera jedhe.
Har’a ganama Sa’aatii 2 fi daqiiqaa 24 tti kirkirri lafaa reektar Iskeelii 4.8 dhagahamuu Yuunivarsiitii Finfinneetti Itti Gaafatamaan Kutaa Barnoota Seesmooloojii Piroofeesar Attaalaay Ayyalaan himaniiru.
Kirkira lafaa muudateen Magaalaa Finfinnee dabalatee naannawaa garaagaraatti hoollannaan dhagahamuu Piroofeesar Attaalaay ibsaniiru.

October 26, 2025 635