Sirni gaggeessaa Reeffa Artiisti Ilfinash Qannoo raawwatamaa jira
Finfinnee, Qaammee 3, 2018 – Sirni gaggeessaa Reeffa Artiistii gammeettii Ilfinash Qannoo Istaadiyeemii Magaalaa Finfinneetti raawwatamaa jira.
Urjiin qabsoo fi kudhaama Aartii Oromoo, Ilfinash Qannoon dhibee ishee muudateen Qaammee 1, 2018 addunyaa kanarraa du’aan boqochuun kan yaadatamuudha.
Haati ijoollee lamaa qabsooftuu Ilfinash Qannoon gidiraa, hidhaa, reebichaa fi dhukkubaan wal’aansoo qabaa hanga dhumaatti gumaacha irraa eegamu uummata isheef gumaachaa turteerti.
Sirni gaggeessaa reeffa ishee Istaadiyeemii Finfinneetti bakka hoggantoonni, dinqisiifattoonniifi hawaasni Oromoo bal’aan argamanitti raawwatamaa jira.
Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌
1September 8, 2026 763