Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara kanaa har’a eegalu… — ABC News Afaan Oromoo — TG.ME

Taphoonni Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara kanaa har’a eegalu

Finfinnee, Qaammee 3, 2018 – Taphoota Shaampiyoonsi Liigii Awurooppaa bara kanaa har’a eegaluun morkiin Riyaal Maadriid Intermiilaan waliin taasisu ni eegama.

Har’a taphoonni 6 kan taphataman yoo ta’uu halkan sa’aatii 4:00 jalqabee falmiin Riyaal Maadriid Intermiilaan waliin Istaadiyeemii Saantiiyaagoo Barnaabootti taasisu xiyyeeffannoo argateera.

Riyaal Maadriid shaampiyoonaa waltajjichaa yeroo 15 yoo ta’u, Intermiilaan ammoo yeroo 3 shaampiyoonaa ta’eera.

Kilaboonni lamaan taphoota kana duran waliin taphatan 19 keessaa Riyaal Maadriid yeroo 10 injifachuun olaantummaa qaba.

Intermiilaan ammoo si’a 7 injifachuun taphoota 2 qabxii qooddataniiru.

Sa’aatuma walfakkaatuutti Maanchiister Siitiin gara Poorchugaalitti imaluun Poortoo waliin morkata.

Siitiin yeroo 1, Poortoon ammoo yeroo 2 shaampiyoonaa waltajjicha ta’aniiru.

Taphoota biroon galgala sa’aatii 1:45 eegalee Kilab Biruuji - Astoon Viilaa, akkasuma AEK – LASK waliin taphatu.

Halkan sa’aatii 4:00 jalqabee Birooshiyaa Doortimandi – Viiyaariyaal, Liil - Riyaal Beetis waliin morkatu.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌
September 8, 2026 660 1