Imala Milkaa’ina Itiyoophiyaa waggoota Shanan Darbanii... Finfinnee… — ABC News Afaan Oromoo — TG.ME

Imala Milkaa’ina Itiyoophiyaa waggoota Shanan Darbanii...

Finfinnee, Hagayya 29, 2018 (FMC)- Milkaa’inni hojii qabatamaan kan ibsamu dhugaa ragaa dabalataa hin barbaadneedha. Kanaaf ammoo Itiyoophiyaan agarsiistuudha.

Waggoota shanan darban, Itiyoophiyaan dameewwan dinagdee, bu’uuraalee misoomaa, teeknooloojii fi tajaajila hawaasaan tarkaanfiiwwan adda addaa fudhatteen guddina itti fufiinsa qabu, hiyyummaa hir’isuu fi oomishtummaa guddisuun hojiilee bu’aa qabeessa hojjetteetti.

Hojiileen gurguddoon dameewwan garaagaraan waggoottan shana darban keessa hojjetaman milkaa’ina ishee kan mirkaneessanidha.

Dameewwan barnootaa, fayyaa, tajaajila hawaasummaa, guddina teeknooloojii, diinagdee fi dameewwan biroo keessatti sadarkaa Itiyoophiyaan amma irra geesse, waggoota shan dura tilmaamuun illee kan hin danda’amne ture.

Haa ta’u malee, biyyattiin galmawwan karoorfatte xiyyeeffannoo fi kutannoo guddaadhaan hojiirra oolchuun guddina hawwite dhugoomsuu dandeesseetti. Milkaa’inni aadaa hojii cimaa fi kutannoo olaanaan kan argame yoo ta’u, gara fuulduraatti caalmaatti hojjechuuf kaka’umsa haaraa uumee jira.

Waggoota shan dura sirni barnootaa Itiyoophiyaa rakkoolee caaseffamaa hedduun kan xaxame, dhaloota beekumsaa fi dandeettiidhaan gahumsa qabu horachuufis gahaa hin turre.

Sirna barnootaa kana fooyyessuu fi cimsuuf tattaaffii taasifameen haalota ulfaatoo hedduu keessa darbuun barbaachisaa ture.

Boqonnaa jalqabaan hangi barattootaa  dhaabbilee barnoota olaanaa seenanii %3.3 ture gara %12.8tti guddisuun danda’ameera.

Sirna fayyaa keessattis fooyya’iinsa garaagaraa hojiirra oolchuun tajaajila fayyaa qaqqabamaa fi qulqullina qabu babal’isuun danda’ameera.

Hojiirra oolmaa sirna fayyaa dijitaalaa cimsuun akkasumas lakkoofsa ogeessota fayyaa guddisuun danda’ameera.

Kana malees, meeshaalee fi galteewwan yaala fayyaa barbaachisoo ta’an biyya keessatti oomishuudhaan, Itiyoophiyaa giddugala tuurizimii fayyaa taasisuuf hojiiwwan gurguddoon hojjetamaniiru.

Sirni inshuraansii fayyaa hawaasaa, lammiilee galii fi dandeettii dinagdee xiqqaa qaban xiyyeeffannoo keessa galche hojiirra ooleen, yeroo ammaa lammiileen miiliyoona 56 ta’an fayyadamoo ta’aniiru.

Kaayyoon ijoo sirna kanaas tajaajila fayyaa haqa qabeessa, qaqqabamaa fi qulqullina qabu mirkaneessuudha.

Guddinni teeknooloojii biyyattii sadarkaa teeknooloojiin yeroo ammaa irra gahe waliin wasimsiisuuf hojiiwwan hojjetamaniin, tajaajila mootummaa argachuuf qisaasama yeroo fi humnaa akkasumas rakkoo birookiraasii walxaxaa hir’isuun danda’ameera.
Kanaafis tajaajila Giddugala Tokkoo “Masoob” babal’isuun lakkoofsa giddugalawwan tajaajilaa guddisuun danda’ameera.

Kunis qulqullinaa fi saffisa tajaajilaa fooyyessuu keessatti gahee olaanaa bahachaa jira.

Addunyaan yeroo ammaa misooma teeknooloojii hubannoo nam-tolchee irratti xiyyeeffannoo olaanaan hojjechaa jirti.

Itiyoophiyaanis addunyaa waliin qixa tarkaanfattuuf tarsiimoo qopheessuun hojjechaa kan jirtu yoo ta’u, Yuunivarsiitii Finfinneetti damee kana sadarkaa digirii 3ffaan barsiisuuf kaarikulamii qopheessuun hojiirra oolchuu jalqabdeetti.

Kana malees, Afrikaa keessatti Yuunivarsiitii Hubannoo Nam-tolchee isa jalqabaa hundeessuuf hojjechaa jirti.

Dabalataanis, dargaggoota damee kana keessatti gahumsa qaban horachuuf sagantaa leenjii “Koodaroota Miliyoona 5” gaggeessaa jirti. Kanaanis biyyattiin guddina teeknooloojii yeroo ammaa waliin tarkaanfachaa jirti.

Dameewwan gurguddoon kunneen waggoota shan dura kan hin turre yoo ta’u, yeroo ammaa dhugoomaniiru. Fuuldurattis kana caalaa akka guddatan gochuuf bu’uurri cimaan kaa’ameera.

Karoora misoomaa dandeettii ofii, qulqullinaa fi saffisaan galmaan gahuun mallattoo Itiyoophiyaa ta’aa dhufeera. Muuxannoo yeroo dhihoo irraa ka’uun, galmawwan qabatte akka milkeessitus shakkii tokko malee tilmaamuun ni danda’ama.

Immabeet Siisaayiin.

Abdiidhaan Jiraadhu!!🥇
💧💧💧💧
❣️❣️❣️❣️
Qarshii xiqqoo hin jedhinaa hidha gara dhuma irra jiruun yaalaa.👇
@drhoneliat12em💌
❤2
September 4, 2026 680